3 1 Xumura irratti, yaa obboloota ko, Gooftaatti gammadaa. Anaaf wanuma wal fakkaataa kana irra deebi’ee barreessuun anaaf rakkina miti. Inni nagaatti isineega. 2 Saroota ilaalaa. Hojjettoota warra hamoota sana ilaalaa. Warra qaama miidhamtoota ilaalaa. 3 Nuti warra kittaanamne, warra hafuuraan Waaqayyoon waaqessanii fi warra Kiristoos Yesuusiin of jajan. Warra foonitti ija jabina hin qabne. 4 Yoo barbaachise, ani lee fooniin ija jabina qaba. Namni fooniin ija jabina qaba jedhe yaadu yoo jiraate. Ani isa nan caala. 5 ani guyyaa saddeettaffaattiin kittaaname, sanyii Biniyaam, Ibirticha, seera ilaalchisee immo, ani Fariisicha. 6 Hinaaffaaf immoo, waldaa amantootaa ari’chaan ture. Qaajlummaa isa seera jalaaf, ani muda maleessan ture. 7 Garuu waanti ana gargaara ture, Kiristoosiif jedhee hir’inaattin ilaala. 8 Dhugaadhuma iyyuu gooftaa koo Kiristoos Yesuusiin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa’a, Kiristoosiin bu’aa godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame ta’eera, akka kosiittis isa lakkaa’eera. 9 isa keessatti argameera, karaa seeraa qajeelummaan qabuun miti, garuu isa karaa amantii Kiristoos keessaan argame, qajeelummaa isa Waaqayyoo biraa karaa amantii argame. 10 Egaa ani amma isa baruu, humna du’aa ka’uu isaa fi michummaa dhiphina isaatii baruun fi du’aanis akka isaa ta’uun barbaada. 11 Kanaaf hanga tokko warra du’an keessaa ka’uu nan amaleeffadha. 12 waantota kana duraan argadhee waana guutadheef miti, garuu Kiristoos Yesuus kan isaa waan na godhatee, anis isa kana bira ga’ee harka koo keessa galfachuuf duukaa kaachuutti nan jira. 13 Yaa obbolootaa, ani ofii kootiif illee harka keessa galfadheera jedhee hin yaadu. Garuu, waanti ani godhu tokko, isa booda jiru irraanfadhee, isa dura jirutti hiixachuudha. 14 Akeeka sana bira ga’ee gonfoo warra moo’anii argadhudhaaf nan hiixadha, gonfoo warra moo’anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kiristoos Yesuus itti ni waameedha. 15 Nuti warri bilchina qabnu hundumatuu, mee akkasitti haa yaadnu, yoo waa’ee waan tokkoo bifa adda ta’een yaadde, Waaqayyos waanta sana sitti ni mul’isa. 16 Haa ta’u malee, isa takkaa arganetti haa jiraannu. 17 ana fakkaadhaa, yoo obbolootaa. Itti dhiyeenyaan warra warra fakkeenya isin nu eessatti qabdaniin adeemaa jiran ilaalaa. 18 Baay’een adeemaa jiru, waarri ani yeroo baay’ee isinitti himem, amma immoo imimmaaniin isinitti hima, warra diinota fannoo Kiristoos. 19 Dhumni isaanii diigamuudha. Garaan isaanii Waaqayyoo isaanii waan ta’eef, ulfinni isaanii immoo qaanii isaaniiti. Isaan waa’ee waantota lafa irraa yaadu, 20 Lamummaan keenya garuu waaqa irra, bakka nuti teenyee fayyina keenya eeggannu, gooftaa Yesuus Kiristoosiin. 21 Inni qaama keenya isa gadi deebi’aa gara qaama isaa isa ulfina qabeessaatti ni jijjiira; humni isaa kunis waanuma hundumaa of jalatti ni galcha.