2 1 Kiristoos keessa jajjabinni kam yoo jiraate, yoo jajjabinni jaalalaan diyaatu jiraate, yoo tokkummaan hafuuraa jiraate, yoo araaraa fi dhiifamni yoo jiraate, 2 Warra sammuu tokkoo, jaalala tokkoo, hafuuraa tokkoo ta’uu fi kaayyoo tokkoo ta’uudhaa gammachuu koo guutuu anaaf godhaa. 3 Yaada ofittummaatiin yookaan of duwwaa ta’anii of dhiibuutiin homaa tokko hin hojjetinaa. Qooda isaa gadi of deebisuutiin warra kaan ofii keessa irra caalchisaa yaadaa. 4 Tokkoon tokkoon keessan waa’ee fedha ofii keessanii qofaa hin yaadinaa, waa’ee fedha warra naaniis malee. 5 Sammuu akkasii qabadhaa, isa Kirisoots Yesuus keessas ture; 6 Isa, utuu Waaqayyoo ta’ee jiruu, Waaqayyoo wajjin wal qixxee ta’uu isa homaatti iyyuu hin lakkaa’in, 7 Qood isaa duwwaa of godhe, bifa garbaa fudhatee, bifa namaa fudhatee dhalate. Bifa namaatiinis argame. 8 Inni gad of-deebisee hanga du’aatti abboomamaa ta’e. handa du’a fannootti! 9 Kanaaf, Waaqayyo immoo guddisee ol ol isa qabe, maqaa isa hundumaa gararraa jiru kenneef. 10 Maqaa isaatiif jilbi hundumtuu ni jilbeenfata, waaqa irratti, lafaa fi lafa jalatti; 11 arrabni hundumtuu akka Yesuus Kiristoos gooftaa ta’e dhugaa ni ba’a, ulifina Waaqayyoo abbaafis. 12 Kanaaf, michoota ko, akkuma yeroo hundumaa abboomamtan, bakka ani jirutti qofaa utuu hin ta’in, caalaatti bakka ani hin jirretti, fayyina dhuunfaa keessanii soada fi rommaan hojjedhaa. 13 Waaqayyootu isin gidduutti hojjechaa kan jiru, akka fedhaa fi gammachuu isaa isa gaariitti. 14 Waan hundumaa falmii yookaan guungummii malee hojjedhaa 15 Akka warra mudaa hin qabnee fi qulqulloota taataniif, dhaloota jallaa fi mancaa’aa gidduutti ijoollee Waaqayyoo warra hin komatamne ta’aa. Isa ittiin biyya lafaa keessatti ibsitan. 16 Dubbuu jiraanyaa qabadhaa, guyyaa Kiristoositti akkan akkasumaan hin fiiginiif yookaan akkasumaan hin dadhabiniif akka of jajutti. 17 Yoodhuman akka kennaa aarsaatti dhangalaa’aa jiraadhee illee, amantii keessaniif jedhee, hunduma keessanii wajjin nan gammada. 18 Haaluma wal fakkaataan, isinis anaa wajjin gammaduutu isin irra jira. 19 Garuu, dhiyootti akkan Ximotewosiin siif ergu Yesuusitti abdiin qaba; akkasuma yeroon waantota waa’ee kee hubadhus, akkan jajjabaadhuuf. 20 Ani nama akka isaatii hin qabu, nama dhugaatti isiniif yaadu. 21 Hundumtuu waan fedhii ofii isaatii yaada malee, waa’ee Yesuus Kiristoos miti. 22 Garuu gatii isaa isa mirkanaa’aa beektu, sabaiin isaa akka ilmaatti abbaa isaa wajjin, waan inni anaa wajjin wangeela tajaajileef. 23 Kanaaf hanga dandaa’ametti haalli ana bira jiru maal akka fakatu ilaaleen isiniif erga. 24 Garuu, anumti illee akka dafee dhufu gooftaatti ija jabina qaba. 25 Garuu, Ephafrodiixosiin deebisee erguun koo barbaachisaadha jedheen yaada. Inni obboleesaa fi hidhata hojii kooti, akkasuma loltuu isa michuu kooti; ergamaa keessanii fi fedha koofis tajaajilaadha. 26 Inni baay’ee dhiphateera, hunduma keessanii wajjinis ta’uu yaadeera, sababiin isaa akka inni dhukkubsate dhageesaniittu. 27 dhugaadhumatti inni hanga du’aatti dhukkubsatee ture. Waaqayyo garuu itti araarameera; isatti qofaa immoo miti; anattis malee, akkan gadda irratti gadda hin qabaanneef. 28 Isa erguu koo baay’ee hawwitu, yeroo deenbitanii isa argitan waan gammaddaniif; dhiphinni koos ni salphata. 29 Kanaaf, maqaa gooftaan gammachuudhaan isa simadhaa. Namoota akka isaatii kabajaa. 30 Inni hojiidhuma Kiristoosiif jedhee hanga du’aatti ga’e. Inni, tajaajila keessan keessaa waan isin biraa anaaf hin ta’in gara xumuraatti akka fiduuf lubbuu isaa baraare.