4 1 Kanaaf, yaa obboloota ko warra ani isin yaaduu, gammachuu fi gonfoo ulfinaa koo, bifa kanaa gooftaatti jabaadhaa dhaabadhaa, yaa jaallatamoo obbolootaa. 2 Ewodiyaa kadhachaan jira, Sinxiikeenis kadhachaa jira, gooftaa keessatti akka warra yaada tokkoo ta’aniif, 3 Eyyee, ani isin nan gaafadha, michoota koo warra dhugaa, akka dubartoota warra babal’isuu wangeelaa keessatti anaa wajjin dhamaa’an gargaataniif, Kilimensii fi michoota koo warra hafan kaanii wajjin; warra maqaan isaanii galmee jireenyaa irra jiru. 4 Yeroo hundumaa gooftaatti hammadaa, ammas nan jedha, gammadaa. 5 gaarummaan keessan namoota hundumaa biratti haa beekamu. Gooftaan dhiyoodha. 6 Waan kamiif iyyuu hin dhiphatinaa. Qooda isaa, waan hundumaaf, kadhataa fi waammataan galataa wajjin gaaffiin keessan Waaqayyoo duratti haa beekamu. 7 Akkasuma nagaan Waaqayyoo, inni hubannaa hundumaa irra caalu, garaa keessanii fi yaada keessan haa eegu. 8 Dhuma irratti, yaa obbolootaa, waa’ee waanuma dhufaa ta’ee, waa’ee waanuma kabajamaa ta’ee, waa’ee haqa ta’ee, waa’ee waan qulqulluu ta’ee, waa’ee waan jaallatamaa ta’ee, waa’ee waan gabaasa gaarii ta’ee, yoo waanti baay’ee gaarii ta’e jiraate, yoo waanti galateeffamuun irra jiru jiraate, waa’ee waantata kanaa yaadaa. 9 waantoni isin barattanii fudhattanis, ana keessattis dhageessasanii argita, isaan kana hojjedhaa, Waaqayyo nagaas isinii wajjin ni ta’a. 10 Ani guddisee gooftaatti nan gammada, amma dhuma irratti dhimma keessan anaaf haaressitan. Dhugaadhumatti duraan waa’ee koof dhimmitaniittu, gara ana gargaaruudhaaf carraan hin turre. 11 Ani kana waanan gargaarsa barbaaduun dubbadha miti. Ani haala kam keessatti iyyuu jiraahuu bareera. 12 Hiyyummaa jechuun maal jechuu akka ta’e beeka, irraa haraa qabaachuunis maal akka ta’e beeka. Karaa hundumaa waan hundumaa keessatti dhoksaa kana bareera, quufattis beelattis; akkasuma, irraa hafaa qabaachuu fi dhabuuttis. 13 Ani waan hundumaa karaa isaa, isa ana jebeessuu nan hojjedha.. 14 Haa ta’u malee, isin yeroo dhiphina koo keessatti gaarii anaaf qooddani. 15 Isin warri Filiphiiiyus beektu, jalqaba wangeelaatti, yeroon Maqadooniyaatii adeeme, isiniin alatti waldaan kiristsiynaa kennuuttis fudhachuutti ana deggerte hin hin turre. 16 Yeroon Tasalooniqee ture, waan ana barbaachisu isa duraa caalaa anaaf ergitaniittu. 17 Ani gargaarsa hin fedhu. Qooda isaa, ija isa gatii keessan ol guddisun barbaada. 18 Ani waan hundumaa guutummaatti fudhadheera. Sirriitti anaaf kennameera, amma Ephafiroodisxoos harkaa waantota isin anaaf ergitan fudhadheera. Isaan foonii urgaa munya’aadha, aarsaa isa fudhatamaa fi Waaqayyoonnis gammachiisu. 19 Waaqayyoon koo, fedha keessan, Kiristoos Yesuus keessaan akka ulfina badhaadhumaa isaatti isiniif ni kenna. 20 Amma, Waaqayyoo fi abbaa keenyaaf ulfinni baraa hanga baraatti haa ta’u. Ameen. 21 Yesuus Kirisroos keessatti saba Waaqayyoo warra qulqullaa’ootti nagaa itti nuuf himi. Obboloonni warri anaa wajjin jiranis nagaa isiniif dhiyeessu. 22 sabni Waaqayyoo warri qulqulloono as jiran hundumtuu nagaa isin gaafatu. Keessumaa maatiin Qeesaar. 23 Ayyanani gooftaa Yesuus Kiristoos hafuura keessanii wajjin haa tau.