Boqonnaa 9

1 Iyyasuus otoo karaa darbuu nama dhaloota isaatii jalqabee jaamaa ture tokko arge. 2 Hordoftootni isaa 'yaa Rabbii namni kun akka jaawaa ta'ee dhalatuuf eenyutu cubbuu hojjate? Isa moo abbaafi haadha isaatii?' Jedhanii isa gaafatan. 3 Iyyasuusis akkana jedhee deebiseef 'Inni yookiin abbaafi haatii isaa cubbuu hi hojjanne, garuakka hojiin Waaayyoo isa keessatti muldhatuufi malee.' 4 Otoo guyyaa ta'e jiruu hojii isa na ergee hojjachuu qabna, halkan namni tokkollee itti hojjachuu hin dandeenye ni dhufa. 5 Amma ani addunyaa keessa jiruutti ani ifa addunyaati' 6 Erga Iyyasuus kana jedhee booda, lafatti tufee dhoqqee biyyee irraa hojjatee dhoqqe sana ija namichaa dibe.' 7 Innis nama sanaan 'deemii bakka cuuphaa Saliihoomitti (ka "ergame "jechuun hiikama) dhiqadhu' jedheen. Kanaafu namichis dhaqeedhiqatee argaa deebi'ee dhufe 8 Ennasuma olloonni fi namoonni duraan otoo inni kadhatuu isa argan, 'namni kun isuma taa'ee kadhataa ture sanaadhaa mitu? jedhan. 9 Muraasnis 'Ini isaa dha' jedhan. Kaan immoo 'miti, garuu inni isa fakkaata' jedhan. Garuu inni 'Inni ana dha' jedhe. 10 Isaanis 'Ijji kee akkamitti banameree' isaan jedhan. 11 Innis 'namni Iyyasuus jedhamu dhoqqee biyyee ijaa koo dibee' gara cuuphaa Saliihoomitti deemii dhiqadhu naan jedhe, anis deemeen dhiqadhe, argu nan danda'e' isaanin jedhe. 12 Isaanis isaan ' Inni eessaa jira' jedhaniin. Innis 'ani hin beeku 'jedheen. 13 Isaanis nama jaamaa ture sana gara Fariisotaa geessan. 14 Guyyaan itti Iyyasuus dhoqqee biyyeetiin ija namicha bane sanbata ture. 15 Fariisotnis ammas akkamitti akka arguu danda'e isa gaafatan; Inis 'dhoqqee biyyee ija koo dibe, anis nan dhiqadhe, nan arges' isaaniin jedhe 16 muraasnis 'namni kun sababa sanbata hin eegnef namni kun Waaqa bira miti' jedhan. Kaan immoo 'namni cubbamaan tokko akkamitti mallattoo akkana hojjata?' jedhan. Kanaafuu walakaa isaaniitti wal-hiruu ta'e. 17 Kanaafu isaanis nama jaamaa ture deebisanii 'waan ija kaa baneef ati waa'ee nama kana maal jetta? jedhanii gaafatan. Namni jaamaa turees 'Inni raajaa dha' jedheen. 18 Yihuudootnis haga abbaa fi haadha nama agartuu isaa argate sana waaman: akka inni jaamaa ture fi akka inni agartuu isaa argate ammallee hin amanne. 19 Isaanis 'inni kun ilma keessan isa isin jaamaa ta'eet dhalate jettan sanaadha? Yoos amma akkamitti arguu danda'eree?'jedhanii gaafatan. 20 Kanaafuu abbaa fi haatii isaa 'Akka inni ilma keenya ta'e fi akka jaamaa ta'ee dhalates ni beekna. 21 Garuu amma akkamitti akka arguu danda'eefi eenyu ija isa akka baneef, nuti hin beeknu, Inni nama ga'eessa waan ta'eef isa gaafadha, inni waa'ee ofiisaatii dubbachuu ni danda'a.' jedhanii deebisaniif. 22 Abbafi Haatii isaa waantota kana kan jedhaniif sabba Yihuudota sofaataniifi. Namni kamiyyuu Iyyasuus inni Masiihii dha jedhee yoo dubbate akka mana sagadaatii ari'atamu Yihuudotni duraan dursanii waan murteessaniidhaafi. 23 Kanaafu abbaa fi haati isaa inni nama ga'eessa isuma gaafadhaa jedhan. 24 Isaanis yeroo lammaffaf nama jaamaa ture sana waamanii 'Waaqayyoof ulfina kenni. Nuti namni kun cubbbamaa ta'u isaa ni beeknaa' jedhaniin. 25 Namni sunis deebisee 'Ani inni cubbamaa ta'u isaa hin beeku. Waantii beeku tokko ani jaamaan ture, amma garuu nan arga' jedheen. 26 Isaanis 'maal sii godhe? akkamitti ija kee bane? jedhaniin. 27 Innis 'Ani mee isinitti himeen jiraa, isinimmoo hin dhageenyee, amma maaliff deebiftanii dhaga'uu barbaadu? Hordoftoota isaa ta'uufis hin barbaadani moo, barbaaduu? jedheen. 28 Isaanis akkana jechuun isa deebisan 'Ati hordofaa isaati, nuti garuu hordoftoota Museeti. 29 akka Waaqayyo Museetti dubbate ni beekna, namni kun eessaa akka dhufe garuu hin beeknu. 30 Namichis deebise akkana isaaniin jedhe 'Inni eessaa akka dhufe beekuu dhabuun keessan waan nama dinqu dha, kan ija kiyya naaf bane garuu isaa. 31 nama Isa waaqeffatuufi nama fedhii Isaa hojjatu malee, akka isaan cubbamoota hin dhageenye ni beekna. 32 Eenyullee ija nama isa jaamaa ta'ee dhalate tokko akka bane uumama addunyaarraa jalqabee dhagaaye hin beeknu. 33 kun otoo Waaqa biraa dhufuu baatee homaa gochuu hin danda'u. 34 Isaanis akkana jechuun deebisaniif 'ati kan dhalatte gonkumaa cubbudhaan, situ nu barsiisaa' jedhanii gad isa baasan. 35 35Iyyasuus akka isaan mana sagadaatii gad baasan dhaga'ee yammuuisa argu 'Ati Ilma Namaatti ni amantaa? jedheen. 36 deebise 'Gooftaa, inni eenyuu dha, akkan ani isatti amanuu?' jedheen. 37 Iyyasuusis 'Ati amma isa argitee jirta, inni si waliin haasa'aa jiru isaa dha' jedheen. 38 'yaa Gooftaa nan amana' jedhee sagadeef. 39 Iyyasuusis 'warri jaamaan akka arganiif warri argan immoo akka jaamaniif murtii keennuuf gara addunyaa kanaa dhufeera' jedheen. 40 Fariisota keessaa muraasni warri isa wajjin turan tokko tokko waan kana jechuu isaa dhageenyaan 'nutis immoo jaamotaa dha? jedhanii gaafatan. 41 Iyyasuusis 'otoo jaamota taatanii cuubbuu hin qabdan turtan, isin garuu waan hin argina jettaniif cubbuun keessan ni jiraata' jedheen.