Boqonnaa 8

1 Iyyasuus garu garabgaara ejersaa deeme. 2 Ganama barii dhaan gara mana qulqullummaatti deebi'ee dhufe. Innis namni hundumtu gara isaatti walitti qabaman, innis gad-taa'ee isaan barsiisee. 3 Barsiisonni Seeraatiifi Fariisotni dubartii ejja irratti qabamte tokko fidan. Jidduu isaanii dhaabuun. 4 Isaanis akkana isaan jedhan 'yaa barsiisaa dubartiin kun ejja irratti qabamte. 5 Seera Museen nu ajaje keessatti namni akkanaa akka dhagaadhaan tumamu nu ajajeeraa ati waa'ee ishii maal jettaa? 6 Isaanis waan ittiin isa himatan argachuu jedhanii isa qoruuf waan kana jedhan. Iyyasuus garuu gad-jedhee lafa irratti quba isaatiin barreessuu jalqabae. 7 Yammuu isaanis gaafachuutti fufan ol jedhee, 'isin keessaa namni cubbu hin qabne yoo jiraate duraan dursee ishiitti dhagaa haa darbatu' jedheen. 8 Deebisee ammas gad jedhee lafa irratti quba isaatiin barreesse. 9 Isaanis yammuu kana dhaga'an maanguddoota irraa jalqabee tokkuma tokkon ba'aanii deeman. Dhumarrattis Iyyasuus fi dubbartittii walakaa dhuma dhaabate sana waliin qophaatti hafan. 10 ol jedhee, ati yaa dubartii warri si himatan meerre?, namni tokkollee sitti hin murteesinee? Jedhen. 11 Ishinis 'yaa Gooftaa namni tokkollee' jetteen. Iyyasuusis 'anis sitti hin murteesu, deemi kanaan achis cubbuu hin hojjatiin' jedheen. 12 Deebisee Iyyasuus isaanitti dubbate 'Ani ifa Addunyaati namni na hordofu hundi dukkana keessa hin adeemu, ifa jireenyaa qaba malee' jedheen. 13 Fariisootniis ati waa'ee keetii dhugaa baata, ofii keetii kan dhugaa baatuus dhugaa miti' isaan jedhan. 14 Iyyasuusis deebiseefi akkana isaaniin jedhe 'Ani waa'ee ofii kootii dhugaa ba'uullee akkan eessaa dhefee fi akkan eessa deemuwaaniin beekuufin dhugaa ba'iinsi koo dhugaa dha. Isin garuu akkan ani eessaa dhufe yookiin akkan ani eessa deemu hin beektan. 15 Isiin akkuma foonitti murteesitu, Ani nama tokkotillee hin murteessu. 16 Sababan ani qophaa koo hin taaneef yoodhan murteessellee murtiin koo dhugaa dha, ani Abbaa isa na erge waliinin jira. 17 Eeyyeen dhugaa ba'iinsa nama lamaa akka dhugaa ta'e seera keessan keessatti barreefameera. 18 Ani isa ofii kootii dhugaan ba'u Abbaan inni na erges waa'ee koo dhugaa ba'a. 19 Isaanis 'Abbaan kee eessa jira?' Jedhanii isa gaafatan. Iyyasuusis 'Isin anas Abbaa koos hin beektan 'jedhee deebiseef. Otoo ana beektanii, Abbaa koos immoo ni beektuuyyuu. 20 Iyyasuus otoo mana ququllinaa keessatti kutaa buusiin kuufamu keessattibakkuma barsiisa tureen waantoota kana dubbate, yeroo isaas waan hin geenyeef namni tokkollee isa hin qabne. 21 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe 'Ani nan deema isinis na barbaaddu, cubbuu keessaniinis ni duutu, bakkan ani deemus dhufuu hin dandeessan.' 22 Yihuudootnis bakkan ani deemu dhufuu hin dandeessan kan jedhuu of ajjeesuuf ta'iinna jedhan. 23 akkana isaaniin jedhe 'Isin gadirraayyi ani olirraayyi, Isin kan addunyaati, Ani immoo kan addunyaatii miti. 24 Kanaafu akka cubbuu keessaniin duutan ani isinittiin hima. Yoo isin Inni Ana ta'utti amantan malee cubbuu keessaniin ni duutu. 25 Isaanis kanaafuu akkana isaan jedhan 'Ati eenyuu dhaa? Iyyasuusis akkana isaaniin jedhe ani isuman jalqaabaa kaasee isinitti dubbachaa turee dha. 26 Ani waan baay'ee waantin dubbadhuufi waa'ee keessan waantin murteessu nan qaba. Maalumaahaata'uu inni na erge dhugaa dha. Anis waantotnin isa irraa dhagayeen waantoota kanan addunyaatti hima. 27 Isaan akka inni waa'ee Abbaa issanitti himaa ture hin hunbanne. 28 Iyyasuus akkana isaaniin jedhe 'yammuu Ilma Namaa ol-kaaftan akkan Ani Isa ta'e ni beektu, akkuma Abbaan na barsiisettin dubbadha malee ani ofi kootii homaa hin hojjadhu. 29 Inni na erge ana waliin jira sababbii ani yeroo hunda waan isa gamachisu hojjadhuuf inni qophaa koo na hin dhifne. 30 Akkuma Iyyasuus waantota kana dubbatteen namoonni baay'een isatti amanan. 31 Iyyasuus Yihuudoota isaan isatti amananiin akkana jedhe "yoo dubbii kottii cimtanii haftan isain dhugaadhumaan hordoftoota kooti. 32 Dhugaas ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa. 33 Isaanis 'nuti sanyii Abrihaamiiti, eenyumaafuu takkumaa garboota taanee hin beeknu, kanaafuu akkamitti bilisa baatu nuun jetta' jedhaniin. 34 Iyyasuus akkana jechuun isaaniif deebise 'Dhugaa, dhugaa isiniin jedha namni inni cubbuu hojjatu hundi garba cubbuuti. 35 Garbi barbaraan mana keessa hin hafu, ilmo garuu barbaraan manuma keessatti hafa. 36 Ega Ilmi yoo bilisa isin baasee dhugaadhumaan bilisa baatu. 37 Akka sanyii Abrihaam taatan nan beeka garu dubbiin koo waan isin keessa hin jiraanneef na ajjeesuuf murattanii kaatan. 38 Ani waantan Abbaa koo biratti argeen dubbadha ;isiniis immoo waan abbaa keessan biratti argitan hojjatu. 39 Isaanis 'abbaan keenya Abrihaamidha' jedhaniin. Iyyasuusis akkana jedheen 'otoo ilmaan Abrihaam taatanii waan Abirihaam hojjate hojjattuuyyu. 40Isin garuu amma Waaqayyorraa dhugaa dhaga'ee isinitti himnaan na ajjeesuuf murattanii kaatan. Abrihaam garu waan akkanaa hin hojjanne. 40 Hojii abbaa keessanii isinis hojjattu.' 41 Isaanis 'nuti ejjaan hin dhalanne abbaa tokko "Waaqa qofa qabna" isaan jedhan. 42 Iyyasuusis otoo waaqni abbaa keesan ta'e ne jaalattu turtan, ani Waaqaa biraan dhufe, asin jiras; isatu na erge malee ofuma kootii hin dhufne' isaanin jedhe. 43 Maaliif waaniin dubbiin koo isinii hin gallee? Sababni isaa dubbii koo waan dhaga'uu hin dandeenyeefi. 44 Isin ijoollee abbaa kessan kan daabiloosi;fedhiin keessan hawwii abbaa keessanii hojjachuu dha. Inni jalqabumarraa kaasee lubbuu ajjeesaa dha, waan dhugaadhaan hin dhaabannee isa keessas dhugaan hin jiru. Inni sobaafi abbaa sobaa waan ta'eef yammuu soba dubbatu ofuma isaa keessaa dubbata 46 45 Sababan ani dhugaa dubbadhuuf isin na hin amantan. Isin keessaa namni cubbuudhaan na himatu eenyu? Yoon ani dhugaa dubbadha isin maaliif na hin amanne? 47 Isa, inni Waaqa biraa ta'e dubbii Waaqayyoo dhaga'a, sababa isin kan Waaqayyoo hin taaneef dhaga'uu hin dandeessan.' 48 Yihuudoonnis deebisanii 'ati nama Samaariyaatti jinniituu si keessa jira jechuun keenya dugaa mitii? isaan jedhan. 49 Iyyasuusis jinniin na keessa hin jiru, ani garuu Abbaa koon ulfeessa, isin moo na salphiftu 'jedhee deebiseef. 50 Ani ulfina ofii kootii hin barbaadu, kan barbaadu tokko jira, murteessaanis isaa dha. 51 Ani dhugaa, dhugaa isiniin jedha eenhumtuu yoo dubbii koo dubbii koo eege yoomumaa du'a hin argu.' 52 akkana isaa jedhan 'Akka jinniin qabdu nut amma beekne, Abrihaamiif Raajonni du'aniiru, ati garuu "eenyumtuu yoo dubbi koo eege yoomuma du'a hin dhandhamatu" 53 Ati abbaa keenya Abrihaam, isa du'e hin caaltu, ni caaltaa? Akkasuma Raajonnis du'aniiru. Ati eenyu ofgoota? 54 Iyyasuusis akkana jedhee deebiseef 'Ani yoo n ulfina ofii kenne, ulfinni koo faayidaa hin qabu, kan na ulfaassu Abbaa koo isa isin Waaqa keenya jeetan sanaa dha. 55 Isin isa hin beektan, ani garuu nana beeka, otoon 'Ani isa hin beeku' jedhe akkuma keessaniin sobaa dha. Maalumaafuu anu isa nan beekaa dubbii isaas nan eega. 56 Abbaan keessan Abrihaam guyyaa koo waan argeef gamade, argeera gamadeeras.' 57 Yihuudootnis 'umriin kee waggaa shantamaa hin guunnee, Abrihaam argitee jirtaa?' 58 akkana isaanii jedhe 'Dhugaa, dhugaa isiniin jedha Abrihaamiin dura, "Ani Ana"' 59 yeroodhumaa kana dhawuudhaf dhagaa fudhatan, Iyyasuus garuu jalaa dhokkotee mana qulqullinaa keessaa ba'ee deeme.