Boqonnaa 7

1 kanaan booda Iyyasuus sabab Yihuudonni isa ajjeesuuf barbaadanii, Galiilaa keessa dedeebi'a ture, Yihuudaa keessa hin dedeebi'uu ture. 2 Amma ayyaanii daasii Yihuudotaa dhiyaatee ture. 3 Obboloowwan isaas akkana isaan jedhan 'bakka kana dhisiitii gara Yihuudaa ka'ii deemi, yoos hordftootni kee hojjii atti gootu sana arguu.' 4 Namni tokko otoo muldhatee beekamuu barbaaduu dhoksaatti waa hojjatuu hin jiru. Atis yoo waantota kana hojjattu taate addunyaatti of muldhisi. 5 Obboloonii isaallee isatti hin amanan turan. 6 Kanaafuu Iyyasuus akkana isaaniin jedhe 'yeroon koo amalle hin geenye, isiinif garuu yeroon hundi mijataadha. 7 Addunyaan isin jibbuu hin danda'u, garu sababan hojjiin isaanii akka badaa ta'e dhugoomsuuf ana ni jibu. 8 Isiin gara ayyaanichaa oldeemaa, Ani saba amma ammatti yeroon koo hin guunneef gara ayyanatti ol hin deemu.' 9 Innis waantoota kana erga isaaniin jedhee booda Galiilaati hafe 10 Garuu erga obboloonni isaa gara ayyanichaatti ol deemanii booda innis muldhachaa otoo hin ta'in dhoksaadhaan ol deeme. 11 Yihuudonnis ayyanicha irratti 'namni sun eessa jira?' jechuun gaafachaa isa barbaadaa turan. 12 Namoota jidduuttis waa'ee isaa marii baay'ee ture, namootni tokko tokko 'inni nama gaarii dha' jedhuu. Isaan kaan immoo 'akkas miti inni karaa irraa nama jallisa jedhan. 13 Garuu waan Yihuudoota sodaataniif namni tokkollee waa'ee isaa muldhinatti hin dubbanne. 14 Yammu ayyanichi gara walkaa ta'u, Iyyasuus mana qulqullina seenuun barsiisuu jalqabe. 15 dinqiffachuun 'namni kun akkamitti otoo hin baratiin beekumsa akkanaa qabaate?' jedhan. 16 Iyyasuusis akkana jechuun deebiseef 'barsiisni koo kan isa na ergeetti malee kootii miti. 17 Namni feedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadu hundi waa'e barsiisni kun Waaqayyoo biraa dhufuu fi yookin ani ofuma koottiin irraa ta'uu ni beeka. 18 Namni ofumarraa dubbatu kamiyyuu inni ofuma isaatii ulfina barbaada, namni ulfina isa erge sanaa barbaada, namni sunis dhugaa dha, sobni isa keessa hin jiru. 19 Museen seera isinii kenneerra miti? Garuu isin keessaa namni seera san eegu hin jiru. Isin maaliifI na ajjesuu barbaaddu? 20 Namoonnis deebisanii 'jinniituu si keessa jiraa eenyutuu si ajjeessuu barbaada' jedhaniin. 21 Iyyasuusis deebisee akkana isaanii jedhe 'Ani hojii tokkon hajjannaan hundi keessan diniqfattan. 22 Museen seera kiittaanaa isiniif kenne (sun garuu abbootarraayyi malee Museerraa miti.) Isinis guyyaa sanbataa nama kittaantu. 23 Akkanum seera Musee isa hin cabnee sana erga namni tokko guyyaa sanbataatillee kiitaanamuu danda'e, isin maaliif yoodhan ani guyyaa sanbataatiin nafa namaa guutuu fayyisuuf jettanii maliif natti dallantu. 24 Murtii qajeelaa kennaa malee; bifa ilaaluun hin murteesiina.' 25 7 Namootni muraasni Iyyarusaaleemii akkana jedhan 'Inni kun nama isaan ajjeesuuf barbaadanii dha miti?' 26 Kinoo inni addabaayitti dubbata, isaaniis homaa isaan hin jenne. Abboonii seeraas bakka inni Kirisoos ta'e nuti ni beekniiruu laata? 27 namni nama eessaa akka ta'e nuti ni beekna. Yammuu Kiristoos dhufu garuu inni eessaa akka dhufu namni tokkollee hin beeku. 28 Yammuus Iyyasuus otoo mana qulqullinaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol kaasee akkana jedhe 'Isin hundi na beektu, akkan eessaa dhufes na beektu. Ani ofii kootiin hin dhufne, garuu isa inni na erge dhugaa dha, isiinis isa hin beektan. 29 Sababani inni na erge isa biraa dhufeef ani isa nan beeka. 30 Isaaniis isa qabuuf yaalan, garuu yeroon isaa waan hin geenyeef namni tokkollee herka isaa irra diriirsee qabuu hin dandeenye. 31 Ta'uus namootni baay'een isatti amanan isaanis akkan jedhan 'Yammuu Kiristoos dhufu mallattoo namni kun agarsiise caala agarsiisa laata?' jedha. 32 Fariisootnis otoo namoonnii waantoota kanneen waa'ee Iyyasuus amatanuu dhaga'an. Luboonni hangafootniifi Fariisotni akka Iyyasuus qabanii eegdota mana qulqullina isatti erga. 33 Iyyasuusis 'Ani amma ammaatti yeroo gabaabaa isin waliinin jira, kanaan booda gara isa na ergen deema. 34 Isinis na barbaaddu, garuu na hin argitan bakkan ani jirus dhuf hin dandeessan' jedheen 35 ofumasaaniitiin akkana waliin jedha 'namni kun akka nuti isa arguu hin dandeenyeef eessa dhaqaa? Gara saba warra Giriikota keessa fafaca'anii deemee Giriikota barsiisuu barbaadeemoo? 36 Dubbiin kun kan inni jedhu maaliidha? 'Isin na barbaadu garu na argu hin dandeessan, bakka ani jirus dhufu hin dandeessan jechuun isaa maal jechuu isaati' jedhan. 37 Amma guyyaa ayyanicha isa guddaafi isa dhumaa irratti Iyyasuus ka'ee dhaabachuun sagalee guddaadhaan akkana jedhe 'namni kamiyyu yoo dheebote gara koo dhufe haa dhugu. 38 Inni kan anatti amanu hundi bishaan jireenyaatu garaa isaa keessaa burqa. 39 garuu waa'ee Hafuura qulqullu kan warri isatti amanan argachuuf jiran dubbachuu isaati sababbi Hafuura qulqulluun ammaatti hin kennamneef Iyyasuus ammallee hin ulfaanne. 40 Namoota sana keessa muraasni yammuu dubbii kana dhaga'an 'kun dhugummatuu raajicha' jedhan. 41 Isaan kaan immoo 'inni kiristoos' jedhan. Namootni kaanis 'Kiristoos Galiilaadhaa dhufaa?' jedhan. 42 Akka Kiristoos sanyii Daawit keessaa dhalatuufi akka inni magaala Daawit Beetaliheemii dhufu kitaabni ni dhubata mitii? 43 waa'ee isaa irratti garaagarummaan isaan jidduutti uumame. 44 Isaaniis muraasnis isatti dhufan, garuu namni tokkollee harka isaa isarrati hin diriirsine. 45 Kana boodas eegdoni gara Luboota hangafootaafi gara Fariisotaatti warreen isaan erganitti deebi'anii dhufan 'Amliif isa as hin fidne' jedhanii eegdota gaafatan. 46 Eegdonnis akkan jedhanii deebisan 'namni kamiyyuu akka nama kanatti hin dubbatu.' 47 Fariisotniis isaaniif deebisuun 'isinis ni gowwoomse jechuu dha' jedhaniin. 48 Namoota bulchootaa keessaa kan isaatti amananii yookiin Fariisotaa?. 49 Namootni kun isaan kan seera hin beekne kun abaaramoo dha 50 Niiqoodimoos (Fariisota keessaa inni tokko, kan kanaan dura isa bira dhufee ture) akkana isaaniin jedhe, 51 'seerri keenya otoo isarraa hin dhaga'iin yookiin waan inni godhu otoo hin beekiiniin dura nama tokkotti murteessa? 52 Isaanis 'ati nama Galiilaatii? 'akka Raajaan Galiilaa keessaa hin kaane qoradhuu irra ga'i' jedhaniin. 53 Kana boodas hundi isaanii gara mana ofiitti deeman.