Boqonnaa 6

1 booda Iyyasuus, gama galaana Galiilaa isa galaana Xibriyaadoos jedhamee waamamuutti ce'e. 2 Namootni baay'ee ta'anis sababa mallattoo inni warra dhukkubsatoota ta'an fayyisuudhaaf argisiise waan arganiif isa hordofan. 3 Iyyasuus hordoftoota isaa waliin gaaratti ol bahee ta'e. 4 yeroo kana Faasiigaan, ayyaani Yiihuudotaatuu dhiyaate ture.) 5 Yammuu Iyyasuus ija isaa olkaasuu namoonni baay'ee ta'an gara isaa dhufan arge, Filiiphoosiin; 'namoota kanaaf biddeena isaan nyaatan eessaa binaafi?' Jedheen 6 Iyyasuus garu Filliphoos) qoruuf kan jedhe inni ofuma isaatiin waan gochuu qabu ni beeka ture. 7 Filiiphoosis deebisee 'tokko tokkoon isaanii akka xiqoo xiqqoo argataniif, yoo biddeena diinaara dhibba lamaan binnellee wal isaan hin gahu ' jedheen. 8 Hordoftoota isaa keessaabtokko Indiriyaas, obbolleessi Simi'oon Pheexiroos Iyyasuusiin akkana jedhe. 9 'Gurbaan biddeena garbuu shaniifi qurxummii lama qabu tokko kunoo as-jira, garuu kun namoota kan hundaaf akkamitti gahaa? 10 Iyyasuusis 'namoota akka taa'an godhaa' jedheen. Bakka sanas margi baay'inaan jira ture, kanaafuu namoonnis ni tataa'an, lakkoofsi isaaniis dhiirri gara kuma shanii ture. 11 Iyyasuusis biddeena sana fuudhee erga galateesse booda warra taa'an sanaa hanga isaan barbaadan hire, qurxummis akkasuma godhe. 12 Erga namoonni quffanii booda innis hordoftoota isaatiin. 'Otoo waanti tokkollee hin hafiin hurraa'aa walitti sasaabaa ' jedheen. 13 Isaaniis hurraa'aa biddeena garbuu shanii isa hafe sana Zanbiila kudha lama guutuu walitti qaban. 14 sana namooni mallattoo Iyyasuus taasise arganii 'kuni dhugaadhummaan raajaa gara addunyaa kana dhufuf jiru 'jedhan. 15 Iyyasuus akka namootni dhufanii humnaan mootii isa gochuuf yaalan hubatee achii gad-lakkisee qophaa isaa debi'ee gaaratti olba'e. 16 Yammu galgalaa'ee hodoftootni isaa gara galaanaatti gadi bu'an. 17 Isaanis bidiruu yaabachuun galaana irra gara gama Qifirinaahoomitti ce'uuf ka'an yeroo kanas dukkanaa'ee ture, akkasumas Iyyasuus ammallee gara isaanii hin dhufne ture. 18 Bubbeen jabaan waan bubbiseef galaanichi ni raafama ture. 19 kiiloo meetira shan yookiin ja'a kan ta'u erga bidiruudhaan deemanii booda otoo Iyyasuus galaana irra deemaa gara bidiruutii dhiyaatu arganii sodaatan. 20 Innis garu 'Inni Anaa! Hin sodaatinaa' jedheen. 21 Isaanis gara bidiruu keessatti isa fudhachuu barbaadan, battalumatti bidirichis gara bakka deemanii gahe. 22 Guyyaa itti aanutti namoonni galaanicha gamatti hafan akka bidiruun tokko qofti achi turte male kan biroo akka achi hin jire argan, qkka hordoftootni isaa qofti kophaa isaanii ce'an male, akka Iyyasuus isaan waliin hin yaabadne beekan. 23 Haa ta'u malee bidiruuwwan muraasni Xibriiyaadoosii ka'anii gara bakka Goftaan galata kenneefi isaanis biddeena itti nyaatan ture. 24 Yammuu kana namootnii akka Iyyasuusii fi hordoftootni isaa achi hin jirre yammuu qoratanii baratan isaanumtii ofii isaaniitiin bidiruuwwan yaabbatanii Iyyasuus barbaacha gara Qifrinaahiom deeman. 25 Isaanis erga galaanicha gamatti isa arganii booda 'Rabbi (barsiisaa) yoom asi dhuftee?' jedhanii isa gaafatan. 26 Iyyasuusis akkana jechuun deebiseef 'dhugaa dhugaa isiniin jedha isin kan na barbaaddaniif sababa mallattoo argitaniif otoo hin taane, garuu sababa biddeena nyaataanii quuftaniifi. 27 Nyaata baduuf hin hojjatina, nyaata jireenya barabaraatiif jiraatu kan Ilma Namaa isiniif kennuuf hojjadhaa malee, kanaafis Waaqni Abbaa isaa irratti chaappeseera. 28 Akkasumaan isaaniis 'Maal gochuu qabna, akka hojii Waaqayyo hojjanuu' iIsaan jedhan. 29 Iyyasuusis deebisuun 'isa inni ergetti amanuun keessan kun hojii Waaqayyooti' jedheen. 30 Kanaafuu isaaniis akkana isaan jedhan 'akka arginee si amannuuf mallattoo maalii hojjata? 31 Akka 'nyaataaf samii irraa biddeena isaaniif kenne' jedhamee barreeffame, abbootiin kenya lafa onaatti Mannaa nyaatan' 32 Iyyasuusis akkana isaaniin jedhe.' Dhugaa, dhugaa kan samii irraa biddeena isiniif kenne Musee mitu, garuu samii irraa kan biddeena dhagaa isiniif kenne Abbaa kootii malee.' 33 Biddeenni Waaqayyoo inni samii irraa gadi bu'ee addunyyaa kanaaf jireenya kennuu dha. 34 Isaaniis 'yaa Gooftaa yeroo hunda biddeena kana nuuf kenni' jedhaniin. 35 Iyyasuusis akkana isaaniin jedhe 'biddeenni jireenya anaadha, namni gara koo dhufe gonkumaa hin beela'u, kan anatti amanuus gonkumaa hin dheebotu. 36 Garuu akkaman isinitti hime na argitaniiyyuu hin amanatan. 37 Abbaan ka naa kenne hunduu garabalaatti of irraa hin aru'u. 38 Ani kaniin samii irraa gad dhufeef fedhii koo raawwachuuf otoo hin ta'iin fedhii isa na ergee raawwachhuu dhaafi. 39 Fedhiin isa na ergees bakkan ani warra inni natti kenne hundi tokkolle otoo na jalaa hin badiin gaaf guyyaa dhumaa akkan kaasuufii dha. 40 Fedhiin Abbaa kootii akka namni Ilma argee isatti amanu hundi jireenya barabaraa qabaatuufii dha, anis gaaf guyyaa dhumaa isa nan kaasa. 41 Kanaafuu Yihuudootni sababa inni 'ani biddeena samii irraa gad bu'ee dha.' jedheef guunguman. 42 Isaaniis 'kun Iyyasuus ilma Yooseef miti, isa abbaafi haadha isaa beeknu sana? Yoos akkamittin 'ani samii irraan gad bu'e' nuun jedharee amma' jedhan. 43 Iyyasuus deebiseeti akkan jedheen 'Walitti gungumuu dhaabaa. 44 Abbaan na erge yoo harkise malee namni kamiyyuu gara koo dhufuu hin danda'u, anis gaaf guyyaa dhumaa nan isa kaasa. 45 Akka raajota keessatti barreefametti hundi warra Waaqayyorraa baratan ni ta'u' jedhameera. Kan Abbaarraa dhaga'eefi kan isarra baratee hundi gara koo ni dhufa. 46 Isa Waaqayyo biraa dhufe sana malee namni kamiyyuu Abbaa hin argine. Isa qofatuu Abbaa arge. 47 Dhugaa, dhugaa kan amanu hundi jireenya barabaraa qaba. 48 Biddeenni jireenyaa ana dha. 49 Abbootiin keessan lafa onaa keessatti mannaa nyaatan. Haa ta'u garuu ni du'an. 50 Bideenni samii irraa gad bu'e isa kana dha, namni isa nyaatuua hin du'u. 51 Biddeenni jireenyaa inni samii irraa bu'e ana dha. Namni kamiyyuu yoo biddeena kana nyaatee barabaraan ni jiraata Biddeenni ani akka addunyaa dhaaf jireenya ta'uu kennu foon koori.' 52 Akkasuma Yihuudoonis 'Namichi kun akkamitti foon isaa akka nyaatuuf nuu kennuu danda'a?' jechuun dallanuufi wal-mormuu jalqaban. 53 Iyyasuusis akkana isaaniin jedhe 'Dhugaa, dhugaa isin foon Ilma Namaa yoo nyaatanifi dhiiga isaas yoo dhugdan malee ofii keessaniin jireenya qabaachuu hin dandeessan 54 Namni foon koo nyaatuufi dhiga koo dhugu enyumtuu inni jireenya barabaraa qaba; Anis gaaf guyyaa dhumaa isaa kaasa. 55 Foon koo nyaata dhugaa, dhiigni koos dhugaatii dhugaati. 56 Namni Foon koo nyaatuufi dhiiga koo dhugu eenyumtu na keessa jiraata, anis isa keessan jiraadha. 57 Akkuma Abbaan jiraataan na erga, akkasuma anis sababbi Abbaatiin jiraadhu, namni na nyaatu enyumtuu akkasuma sababbii kootiin ni jiraata. 58 Biddeenni samii irraa bu'e isa kana dha, innis akka mannaa isa Abbotiin keessan nyaatannii du'an sana moti; namni biddeena kana nyaatu garuu barabaraan ni jiraatan. 59 Garuu Iyyasuus waantota kana kan dubbatee Qifirnaahoom mana sagadaa Siinaagog keessatti otoo barsiisa jiruu ture. 60 Hordoftoota isaa keessaa baay'een yammuu waan kana dhaga'an akkana jedhan 'barnoonni kun cimaadha, eenyutuu dhaga'uu danda'a? 61 Iyyasuus sababa ofuma isaa keessatti akka hordoftootni isaa waan kana irratti guunguman beekeef akkan isaaniin jedhe 'kun isin dallansiisaa?' 62 Yoos yammuu Ilmi Namaa bakka duri turetti ol-ba'uu argitan maal taaturee?' 63 Inni jireenya kennu Hafuura; foon omaa faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhu Hafuura, jireenyas. 64 Haa ta'u malee, isiin keessaa kanneen hin amaniin tokko tokko ni jiru.' Iyyasuus jalqabumarraa kaasee isaan keessaa eenyu akka hin amanneefi eenyu akka dabarsee isa kennu ni beeka ture. 65 Innis akkana jedhe 'sababiin ani yoo Abbaa biraa isaaf kenname malee namni tokkollee gara kootti hin danda'u isiniin jedhee ture kanuma.' 66 Sababa kanaaf hordoftoota isaa keessaa baay'een gara dubatti deebi'an, kana boodas isa waliin hin deemne. 67 Akkasumaan Iyyasuus warra kudha lamaatiin 'Isiniis deemuu barbaaduu?' jedheen. 68 Simi'oon Pheexiroosis akkana jechuun deebiseef 'yaa Gooftaa gara eenyuu deemnaa? ati dubbii jireenya barabaraa qabda. 69 Nuti akka ati Qulqullu kan Waaqayyoo taate ni amanne, ni beeknas. 70 Iyyasuusiis akkana isaaniin jedhe.' Ani kudha lamaan keessanuu kanin isin filadhe mitii? Isin keessaa garu tokko Dabiloos.' 71 Innis amma waa'ee Yihuudaa ilma Simi'oon Asqoroo dubbata ture, innis warra kudha lamaan keessa tokko isa Iyyasuus dabarsee kennuuf jiru.