Boqonnaa 10

1 Ani dhugaa, dhugaa isinin jedha, namni inni balbalaan gara mooraa hoolotaa hin seene, garu karaa birootiin utaalee kan seenu eenyumtu, namni sun hattuu fi saamtuu dha. 2 Namni inni balbalaan seenu tiksee hoolotaa dha. 3 Eegduun karaa isaaf ni bana. Hoolonnis sagalee isaa ni dhaga'uu, innis hoolota isaa maqaadhaan waamee yaasa. 4 Erga isaan kan isaa ta'an hunda baasee booda isaan dura deema. Hoolonni isaas sagalee isaa waan beekaniif isa duukaa bu'u. 5 Sababa sagalee isa isaanitti keessumaa ta'ee waan beeknef gonkumaa isa hin hordofan, ofiraa isa fageesu malee.' 6 Iyyasuus fakkeenya kana issanitti hime isaan garu waan inni isaanitti himaa ture hin hubanne. 7 Kanaafu Iyyasuus deebisee 'Dhugaa, dhugaa isiniin jedha. "Ani balbala hoolotaati. 8 Isaan ana dura dhufan hunduu hattootaa fi saamtota, hoolonni garuu isaan hin dhageenye. 9 Balballii ana dha, namni kamiyyuu yoo karaa koo ol-galu ni fayya. Inni ni gala, ni ba'as, waan dheedus ni argata. 10 Hattuun hatuuf, ajjeesuufi balleessuuf malee hin dhuftu. Ani akka isaan jireenya qabaataniif innis isa irraa haafaa akka isaanii ta'uuf dhufeera. 11 gaariin ana, tikseen gaariin hoolotaa isaatiif jedhee jireenya isa dabarsee ni kenna. 12 Hojjataan qaxarame inni tiksee dha miti hoolonnis kan isaa miti. Inni yammu yayyiin dhuftu argeet hoolota dhiisee baqata. Yayyiinis hoolota ni butataa, ni bittinneesas. 13 Sababa qaxaramaa ta'eef ni baqata hoolotaafis hin yaadu. 14 gaarii ana dha, Ani hoolota koo nan beeka, hoolonii koos immoo na beeku. 15 Abbaan ana ni beeka a is Abbaa nan beeka, jireenya koos dabarsee hoolotaaf nan kenna. 16 hoolota biroo isaan mooraa ka aa hin taane nan qaba isaanis immoo fiduun qaba, isaanis sagalee koo ni ďhaga'uu, kanaafuu hoolota mooraa tokkoo ni ta'uu tikseenis tokko. 17 Ani deebisee fudhachuuf lubbuu koo dabarsee waaniin kennuus Abbaan koo na jaalata. 18 Anumatuu ofii kootiin lubbuu koo dabarsee kenna male eenyumtuunarraan hin fudhatuu. Ani dabarse ishii kennuuf aangoo nan qaba, deebisee fudhachuufi aangoo qaba. Ajaja kanas Abbaa koo biraa fudhadheera. 19 Sababa dubbii kanaatiif ammas yihuudoota jidduutti garaagarummaan uumame. 20 Baay'een isaanis 'inni jinni qaba, maraateeras, isin maaliif isa dhageessu' jedhan. 21 kaanis 'kun jecha nama jinniidhaan qabameetii miti, jinniin ija nama jaamaa ta'ee banuu ni danda'aa? jedhan 22 Yeroon sunii Iyyaruusaaleem keessatti 'Ayyaana kennaa' ture, innis ganna ture. 23 Iyyasuus mana qulqullummaa keessa dedeebi'a Salamoon keessa adeema ture. 24 Yihuudootnis isa marsanii, hanga yoomitti onnee keenya raraafta? Ati yoo Kiristoos taate ifatti baasii nutti himi' jedhaniin. 25 Iyyasuusis 'Ani isinitti himeera, isin garuu hin amantan' isaaniin jedhee deebiseef. 'Hojiin suni, innin ani Maqaa Abbaa kootiitiin hojjadhu kun waa'ee koo dhugaa ba'a' isaanii jedhe. 26 Isin garuu hoolotaa koo waan hin taaneefbhin amantan. 27 Hoolonni koo sagalee koo ni dhaga'u, Anis isaan nan beeka, isaanis na duukaa bu'u. 28 Anis jireenya barabaraan isaaniif kenna, isaanis gonkumaa hin badan. Eenyumtuu harka koo keessa isaan hin butu. 29 Abbaan koo inni natti isaan kenne sun hunda caala, namni tokkollee harka Abbaa kootii keessaa isaan baasuu hin danda'u. 30 Aniifi Abbaan tokko dha. 31 ittiin dha'uuf dhagaa guurratan. 32 Iyyasuusis 'ani hojiiwwan gaarii baay'ee kanneen Abbaa koo biraa ta'anin isinitti agarsiise. Hojiiwwan kanneen keessa sababa isaan kamiitiif dhagaan na dha'uuf kaaturee?' Jedheen. 33 Yihuudootnis 'waanti dhagaa dhaan si dhoofnuuf, sababa ati hojii gaarii hojjattu kamiifuu miti, garu sababa ati waaqa arrabsituufi malee, ati otoo nama taatu. Waaqa of gootuufi' jedhaniin. 34 Iyyasuusis akkana jedhee deebiseef 'seera keessan keessatti isin waaqota "isiniin jedheera" jedhamee hin barrefamnee? 35 Inni erga warra dubbin Waaqaayyoo isaaniif dhufeef waaqoota jedhee isaan waame (barreefamnis cabu hin danda'u.) 36 Sababbi ani 'ani Ilma Waaqaati' jedheef, isin maaliif isabAbbaan qulqulleessa gara addunyaa kanaatti erge sanaan 'Ati Waaqa arrabsita naan jettu? 37 Yoodhan ani hojii Abbaa kootii hin godhiin na hin amaniina, 38 Garuu yoodhan ani isaan hojjadha, yoo natti amanu baattan illee hojiiwwan amana, yoo sana akka Abbaan na keessa jiru, akkan anis Abbaa keessa jiru ni beektu, ni hubatuus.' 39 Isaanis deebisanii isa qabuuu yaalan, inni garuu harka isaanii jalaa ba'ee. 40 Iyyasuus deebi'ee gama Yoordaanoos bakka Yohaaniis jalqaba itti cuuphaa ture sana deemee achi ture. 41 Namootni baay'eenis gara isaa dhufanii 'Yohaaniis mallattoo tokkolle hin goone, garuu waanti inni waa'ee nama kanaa dubbate hundutuuu dhugaadha' jedhan. 42 Bakkuma sanaatti namootni baay'een itti amanan.