Boqonnaa 11

1 Amma namni maqaan isaa Alaazaar jedhamu ni dhukkubsate. Bakki dhaloota isaa Bitaaniyaa ganda Maariyaamii fi Obboleetti ishii Maartaa ture. 2 Maariyaam ishii urgooftuu Gooftaa irratti gad-naqxee miila isaas rifeensa mataa ishiitiin haaxoofte, ishuma obbolleessi ishii dhukkubsatee dha. 3 Kanaaf obboleettoni isaa 'yaa Gooftaa namni ati jaalatu suun kunoo dhukkubsataa jira' jedhanii Iyyasuusitti ergan. 4 Iyyasuus yammuu waan kana dhaga'eet 'dhukkubni kunbakka Ilma Waaqayyoo ittiin ulfaatuufi ulfina Waaqayyootiif dhufe malee du'aaf miti' jedhe. 5 Iyyasuus Maartaa fi Obboleetti ishii, Alaazaris ni jaalata ture. 6 Innis gaaf akka Alaazaar dhukkubsate dhaga'ee jalqabee guyyota lama bakkuma sana ture. 7 Waan kanaan booda innis hordoftoota saatiin 'gara Yihuudaatti deebinee haa deemnu' jedheen. 8 Hordoftootni isaas 'Rabbii |barsiisa| Yihuudootni dhiyeenya kana dhagaadhaan si dha'uu yaalaa jiran, ati achuma deebitee deemtaa' jedhaniin. 9 isaanii 'guyyaan tokko keessa sa'aatii kudha lama ifa ta'a miti? jedhee deebiseef. Namni guyyaan deemu waan ifa aduunyaa kanaatiin arguufi hin gufatu. 10 Maalumaa haa ta'uu, inni halkaniin deema yoo ta'e, ni gufatu, sababa ifti isa keessa hin jirreefi dha.' 11 Innis waantota kana dubbatee, itti fufuunis 'Jaalalleen keenya Alaazaar rafeera, ani garuu achin deema yoos rafaatiirraan isa kaasa.' 12 Hordooftootni isaas 'Gooftaa, innibrafee jira taanan ni dandamata' jedhaniin 13 Iyyasuus kan dubbatee waa'ee rafiitii hiirribaa dubbate itti fakkaate. 14 Kanaafuu Iyyasuus ifa baasuun akkana isaaniin jedhe 'Alaazaar du'eera.' 15 Ani waa'ee keessaniif nan gamada akka isin amantaniif sababan achii hin taaneef, ammma ka'aa gara isaa haa deemnu.' 16 Toomaas inni Didiimoos jedhamuun waamamu hordoftoota isaan isa duukaa bu'aniin akkana jedheen 'nutis akkuma isa waliin duunuuf waliin haa deemnu' jedheen. 17 Yammuu Iyyasuus achi ga'u akka Alaazaar erga awwaalamee guyyoota afur ta'uu arge. 18 Bitaaniyaan Iyyarusaaleemirraa gara kiilomeetira sadii fagaata ture. 19 Yihuudootni baay'een gara Maartaa fi Maariyaam bira waa'ee obbolleessa jajjabeesuuf dhufan turan. 20 Maartaan yammuu dhufaatii Iyyasuus dhageessu isa simachuuf gad baate, Maariyaam garuu manumatti hafte. 21 Iyyasuusiin akkana jetteen 'yaa Gooftaa, otoo ati asi jiraatte, taate obboleessi koo hin d'u ture. 22 Ammas taanaan akka Waaqayyo waan ati kadhattu hunda si kennu nan baaka' jetteen. 23 Iyyasuusis obboleessi kee deebise ni ka'a' jedheen. 24 Maartaanis akkan isaan jetteen 'akka inni du'aaka'iinsa isa gaafa guyyaa dhumaatti ka'u nan beeka. 25 immoo du'aa ka'iinsiif jireenyi ana dha inni kan natti amanu yoo du'ellee ni jiraata. 26 Kan jiraatuuf kan natti amanu kamiyyuu gonkumaa hin du'u. Ati kana amantaa? 27 Ishiin jedhe. Ishiinis 'Gooftaa, eeyee akka ati Ilman Waaqayyoo nama isa gara addunyaa dhufuu taate nan amana' jetteen. 28 erga waan kana jetteenii booda, gara obboleetti ishi deemtee kophaatti Maariyaam ofti waamuun akkana jetteen 'Barsiisaan asi jira, si waamas' jetteen. 29 yammee kana dhageesu dafte kaatee gara isaa deemte. 30 Yeroo kana Iyyasuus bakkuma Maartaan isa itti simatte ture male gara gandaatti hin dhufne. 31 Yihuudotni yammuu ishii jajjabeesuuf mana keessa ishii waliin jiran sun akka dafte kaatee gad baatee arganii, boo'uuf jette gara bakka awwaala waan deemtu isaanitti fakaatee ishii hordofan. 32 Maariyaamis yammuu bakka Iyyasuus jiru sana geessu isa argitee miilaa isaa jalatti kuftee akkana isaan jette 'yaa Gooftaa, otoo ati asi jirta taate obboleessi koo hin du'u ture.' 33 Iyyasuusis boo'uu ishii, Yihuudootni ishii waliin dhufanis boo'uu isaanii argeet hafuura isaatiin gadda keessa gale, ni dhiphate. 34 eessa isa keessan?' jedheen isaan gaafate. Isaanis 'yaa Gooftaa kootuutii ilaali' jedhaniin. 35 Iyyasuusis ni boo'ee. 36 Yihuudotnis 'Inni ammam akka Alaazaar jaalatu mee argaa' jedhan. 37 Isaan kaan garuu 'Inni kuni ija nama jaamaa sana banee ta'uu danda'a, akka namni kunis hinduune hin godhu ture' jedhan. 38 Iyyasuus ammas gada keessa senuun gara awwaalichaa deeme innis holqa ture, balballi bolichaas dhagaadhaan cufamee ture. 39 Iyyasuusis, 'dhagaa irraa kaasaa' jedheen. Maartaan obboleetiin Alaazaar isa du'e 'yaa Gooftaa erga du'ee guyyota afur waan ta'eef foolii qaba' jetteen. 40 Iyyasuusis 'yoo amante akka ulfina Waaqayyoo argitu sitti hin himnee' jedheen. 41 Kanaafuu awaalicharraa dhagicha kaasan. Iyyasuus ol ilaalee akkana jedhe 'yaa Abbaa waan na dhageessuuf sin galateeffadha. 42 Akka ati yeroo hundumaa na dhageessuus nan beeka, garuu akka namootiin as dhabatan kunii akka ati na ergite amananiif isaaniif jedheen kana dubbadha. 43 Erga inni waan kana jedheen booda sagalee isaa guddisee ol kaasuun 'Alaazaar ba'ii kootu' jedheen. 44 Namni du'e sunis akkuma harkii fi miilli isaa hucuu (carqii) dhaan hidhameen (kafaname) tti, fuulli isaas uwifametti ol ba'ee. Iyyasuusis hiikaatii dhisaa haa deemuu isaniin jedhe. 45 Kanaafuu Yihuudotni gara Maariyaam dhufaniifi gocha Iyyasuus argan keessaa baay'een isaanii isatti amanan. 46 Isaan keessaa muraasni garu gara Fariisotaa deemanii waantota Iyyasuu godhe isaanitti himan 47 Kanaafuu Lubbootni Hangafootnii fi Fariisootni wal gayi gumii walitti qabuun akkana jedhan 'Maal gochuu qabnaa? Namni kun mallattoo baay'ee godhaa. 48 Yoo akkasumaan isa dhiifne namni hundi isatti amana, warri Roomees dhufanii bakka fi saba keenya lachanuu fudhatu. 49 Akkamuma haa ta'uu isaan keessaa namni Qayyaafa jedhamu kan waggaa sanatti Luba ol aannaa ta'ee ture, isaanin 'isin waanti beektan homaa hin jiru. 50 Sabni hunduu baduurra namni tokko namootaaf du'uun akka wayyu isin hin hubanne. 51 Innis bara sana waan luba ol-aanaa ta'eef akka Iyyasuus sabaaf du'uu qaba jedhee raajii dubbachuu isaatii malee ofii isaa keessaa miti. 52 qofaa otoo hin taane akka ilmaan Waaqayyoo kaneen bittinaa'aan bakka tokkotti walitti qabannaniifis malee. 53 Kanaafuu guyyaa sanarraa jalqabee akkamitti akka isaan isa ajjeesuu danda'an karoorfatan. 54 Kanaafuu Iyyasuus kana booda Yihuudota jidduu ifatti deddeebi'uu ni dhaabe, garu achii gad lakkisee gara magaalaa Efreem ishii lafa onaatti dhiyoo taate deeme, hordoftootni isaas waliin achi turan. 55 Ayyaanii Faasiigaan Yihuudotaa amma waan dhiyaateef namootni baay'een otoo faasigaan hin ga'iin dura of qulqulleesuuf jecha biyyaa gara Iyyaruusaaleem deeman. 56 Isaanis Iyyasuus barbaadaa turan, mana qulqullumma keessaas dhabatanii 'isin maal yaaduu? Inni gara ayyana kana hin dhufuu? waliin jedhan. 57 Lubootni hangafootnii fi Fariisotni garu Iyyasuus qabuuf jedhanii namni kamiyyuu bakka inni jiru beeka yoo jiraate akka isaaniif gabaasuu ajaja kennan.