Boqonnaa 12

1 dura guyyaa ja'affaatti Iyyasuus gara Biitaaniyaa, bakka Alaazaar inni Iyyasuus du'aa kaasee ture dhufe. 2 achitti irbaata isaaf hojjatan, Maartaanis ni tajaajiltii turte, Alaazaar garu warra isaan isa waliin gara mijaala irbaataatti marsanii ta'aani keessaa isa tokko ture. 3 sana Maariyaam urgooftuu naardiis litira tokko kan gattin isaa mi'aa (guddaa) ta'e fuutee miila Iyyasuus ittiin dibdee rifeensa mataa ishiitiinis miila isaa haaxoofte, Manichis urgaa urgooftuu sanaatiin guutame. 4 Hordoftoota isaa keessaa isa tokkodha, Yihuudaa Asqoorot isaa dabarsee isa kennuuf jiruu akkana jedhe. 5 Urgooftuun kun maaliif diinaara dhibba sadiitti gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne? 6 Akkana kana jedheef hiyyeeyyootiif yaadee otoo hin ta'iin sababa hatuu ta'eef dha. Korojoonis harka isaa jira turee, qarshii walitti qabamu keessaa ofii isaatii itti fayyadama ture. 7 Iyyasuus 'hayyamaaf urgooftuu kana guyyaa awwaala kootiitiif naa tursifte. 8 Hiyyeeyyiin yeroo hundumaa isiin waliin jiru. Ana garuu yeroo huda hin argattan' jedheen. 9 Yihuudotni baay'eenis akka Iyyasuus achi jiraachuu baranii dhufan, dhufaatiin isaaniis Iyyasuusiif qofa otoo hin ta'iin, Alaazaar isa inni du'aa kaases ilaaluuf malee. 10 Kanaafuu Luboonni Angaafotni Alaazaar ajjeesuuf mari'aatan. 11 Yihuudoota keessaa namoonni baay'een sababbi isaatiif deemanii. Iyyasuusitti amanan. 12 Guyyaa itti fufus hoomaan namootaa gara ayyaanichaa dhufan isaaniis yammuu Iyyasuus gara Iyyaruusaaleem dhufaa jiru dhaga'an. 13 Meexii qabatanii isa simachuuf ba'anii sagalee guddaan akkana jedhan 'Hoosaa'inaa! Kan maqaa Gooftaatiin dhufu eebifamaadha! Mooticha Israa'eel.' 14 Iyyasuus ilmoo harree tokko arge irra taa'e, kunis akkuma akkana jedhamee barreefamee dha. 15 'Yaa intala (durba) tsiyoon hin sodaatiin, kunoo mootiin kee ilmoo harreerra taa'ee dhufuuf jiraa.' 16 Hordoftootni isaa jalqabatti waan kannee hin hubanne turan, yammuu Iyyasuus ulfaata garu akka waantootani kun barreeffaman kun waa'ee isaa ta'eefi isaanis akka waantita kana isaaf godhan yaadatan. 17 Hoomaan namootaas isa waliin turan akka inni awwaala keessaa Alaazaar waamee du'aa kaasee dhugaa ba'an. 18 Akkasumas hoomaan namootaa isa simachuu ba'aniifi sababa malattoolee kana inni gochuu dhaga'aniif. 19 Kanaafuu Fariisootni 'Isin akka waan gaarii tokkollee addunyaan isa duukaa bu'eera' waliin jedhan. 20 muraasni warra yeroo ayyaanaa sagaduuf ol-deeman keessa jiru turan. 21 Isaani kunis gara Filiiphoos nama Beetasaayidaa ishii Galiilaa keessaa bira deemanii 'Goofticha Iyyasuus arguu barbaadna' jedhaniin. 22 Filiiphoosiis deemeet Indiriiyaasitti hime, Indiriiyaasii fi Filiiphoos waliin deemani Iyyasuusitti himan. 23 Iyyasuusis akkana jechuun isaaniif deebise 'sa'aatiin inni Ilmi Nama itti ulfaatuu ga'eera. 24 Dhugaa, dhugaa isiniin jedha firiin qamadii yoo lafa buutee du'uu baatte qophaaishiin harftii, yoo duute garuu firii baay'ee buufti. 25 Namni inni lubbuu isaa jaalatu ni dhaba, inni addunyaa kana keessatti lubbuu isaa inni jibbu garuu jireenya barbaraatiif lubbuu isaa kaawwata. 26 Namni na tajaajilu barbaadu kamiyyuu, inni ana haa hordofu, bakkan ani jiru kan na tajaajiluus ni jiraata, nama na tajaajilu kamiyyuu isa Abbaan koo ni ulfeessa. 27 Amma lubbuun koo dhiphateerti maal haa jedhuu? Yaa Abbaa kana jalaa na eegi? garuu sababuma kanaafiin gara sa'aatii kanaa dhufeera. 28 'Yaa Abbaa maqaa kee ulfeessi.' Akkasumas sagaleen 'Ani ulfeeseera, ammas deebisee nan ulfeessa' jedhu saamii dha dhufe. 29 Namoonni oomaan achi dhaabachaa jiran yammuu sagalee jedhe sana dhaga'an 'bakka kaadha' jedhan, kaan immoo 'Maleekatuu itti dubbata' jedhan. 30 Iyyasuus deebiseef, akkanas jedhe 'sagaleen kun isiniif jedhee dhufe malee anaaf miti. 31 Yeroon itti addunyaa kanaatti murtaa'u amma dha, amma bulchaan addunyaa kanaa gad-darbama. 32 Yammuun ani lafa irraa ol-ol jedhen nama hundaa ofittin harkisa.' 33 kana kan jedhe akka du'a akkamii du'u agarsiisuufi. 34 Namootni oomaanis deebisanii 'Nuseera irraa akka Masiihiin barabaraan jiraatuu dhageenyeerra, ati akkamiti: Ilmi Namaa Ol-ol jechuun qaba jechuu dandeessaree? Ilmi Namaa kunis eenyu dha?' jedhaniin. 35 Iyyasuusis akkana isaaniin jedhe 'ammallee ifti yeroo gabaabaaf isiin bira jira, kanaafuu akka dukkanni isin hin fudhanne, otoo ifa qabdanuu deddebi'aa. Namni inni dukkanaan deemu eessa akka deemu hin beeku. 36 ifaa akka taataniif, otoo ifa qabdanuu, ifankanatti amanaa. Iyyasuus eega waantoota kanneen dubbatee booda achii deeme, isaan jalaas dhokate. 37 Iyyasuus isaan fuulduratti mallattoolee baay'ee hoojjatullee, ammas isaan isatti hin amanne. 38 Kanaafuu dubbiin Isaayaas Raajicha, inni '"Yaa Gooftaa dhugaa ba'iinsa keenya eenyutuu amane? Irreen Gooftaas eenyuutti muldhate?" 39 Sababa kanaaf usaan amanuu hin dandeenye, ammas Isaayaas akkana jedhe 40 "Inni ija isaan jaamse Onnee isaanis jabeesse Otoo ta'uu baatee ija isaaniitiin ni argu ture Onnee isaaniitiinis ni hubatu ture." 41 Isaayaasis wantoota kanneen sababa inni ulfina Iyyasuus argeefi waa'ee isaas dubbateef isaaniin jedhe. 42 ta'ullee, warra aangoi qaban keessaa baay'een Iyyasuusitti amanan, garuu sababa Fariisonni mana sagadaatti nu baasuu jedhanii sodaataniif akka amanan hin dubbanne. 43 Isaanis ulfina Waaqayyoo biraa dhufu caala ulfina nama biraa dhufu jaalatu turan. 44 Iyasuusis sagalee isaa ol-kaasuun 'Namni inni natti amanu ana qofatti otoo hin ta'iin isa na ergettis ni amana, 45 inni na erge isas ni erga. 46 addunyaa kanaatti akka ifaa ta'een dhufa, kanaafuu inni natti amanu eenyumtuu dukkana keessatti hin hafu. 47 Namni kamiyyuu yoo dubbii koo dhaga'ee garuu yoo isaan eeguu baate kan isatti murteessu anaa miti, addunyaatti murteessuuf waanin hin dhufneef, addunyaa fayyisuuf malee. 48 inni na didu inni dubbii koos hin fudhanne, kan isatti murteessu qaba. Dubbiin ani dubbadhe gaafa guyyaa dhumaa isatti murteessa. 49 Abbaa na erge sanatuu akkan an maal dubbadhu fi maal jedhu ajaja naaf kenna malee ani ofuma kootii hin dubbadhu. 50 Akka ajajni isaa sun jireenya barabaraa ta'e ani nan beeka, kanaafuu waantiin ani jedhu akkuma Abbaan natti dubbate sanattiin dubbadha.