Boqonnaa 20

1 jalqaba torbanii ganama bariidhaan duukkana otoo jiru, Maariyaam ishiin Magdalaa bakka awwaalaa deemtee akka dhagaan awwaalicha irraa fuudhame argite? 2 fiigdaa gara Simi'oon Pheexiroosii fi hordofaa isa Iyyasuus jaaltuuyyu sanaa deemtee 'Gooftaan keessaa fudhataniiru eessa akka isa kaa'anis hin beeknu' jetten. 3 Kanaafuu Pheexiroosii fi hordofaan inni kaan ba'ani gara awwaalichaabdeeman. 4 Isaan lachuu ni figu turan, hordofaan inni kaan garuu Pheexiroos bira fiiguudhaan dursee darbee bakka awwaalaa ga'e. 5 Inni gadi jedhee ilaaluun uffata (huccuu) quncee talbaa irraa hojjatame laffatti arge malee awwaalicha keessa hin buune. 6 Simi'oon Pheexiroos garu isa dhuubaan dhufeebawwalicha keessa seenuun uffata (huccuu) quncee talbaa irraa hojjatame sana lafatti arge. 7 Akkasumas uffatni (huccuun)bfuula Iyyasuusitti haguugamee ture arge uffatni (huccuu)bsunis kophaadhumatti maramaramee bakka biraa ture malee uffata (huccuu) quncee talbaa irraa hojjatame sana bira hin turre. 8 Isaan booda hordofaan biraa inni jalqabatti awwaalicha bira ga'e sun keessa seene argee amane. 9 Isaanis waan kitaabni akka Iyysuus jidduu wara du'anii keessaa akka ta'u dubbatu sana ammayyuu hin hubanne turan. 10 Hordiftootnj sunis gara mana ofiitti deebi'an. 11 immoo garuu awwaala bira gara alaa dhaabatee boo'aa turte, otuma boochuus gadi jettee awwalicha keessa ilaalte. 12 Ishinis Malaakota Waaqaa lama uffata (huccuu) adii uffatan bakka reefi Iyyasuus kaa'amee ture sana inni tokko karaa mataarraan, inni biroo immo miila jalaan taa'anii argite. 13 Isaanis 'yaa dubartii maaliif boocha' jedhaniin. Ishiinis immoo 'Gooftaa koo fudhatanii jiru, eessa akka isa kaa'anis hin beeku' jetteen. 14 Otuma waan kana dubbattuu of-duuba gargalte Iyyasuus achi dhaabatee argitee, garuuIyyasuus ta'uu isaa hin beekne. 15 Iyyasuusis 'yaa dubartii maaliif boocha? Eenyuu barbaadda? jedheen. Ishiinis nama bakka ashaakiltii keessaa hojjatu isa seetee ('yaa gooftaa ati yoo isa fuutee jiraatte akkan ani deemee fudhadhuuf eessa akka isa keesse natti himi' jetteen.) 16 Iyyasuusis 'Maariyaam!' jedheen. 17 Iyyasuus "ani ammallee sababan gara Abbaatti ol-hin baaneef ana hin xuqiin, garu obbolewwan koo bira deemii 'ani gara Abbaa kootiifi Abbaa keessaniittii, gara Waaqa kootiifi Waaqa keessaniittin ol-ba'a' jedheera jedhiitti isaanitti himi" jedheen. Ishiinis gara isaatti gatgaltee afaan Armaayikiitiin 'Rabbuunii! jetteen. Hiiknii isaas 'Barsiisaa' jechuu dha. 18 Maariyaam ishiin Magdalaas gara hordoftootaa deemtee 'ani Gooftaa argeera' jetteen ;waan inni ishiidhaan jedhee hunda isaanitti himte. 19 jalqabaa torbanii sana halkan otoo Ayihudoota waan sodaataniif balbala cufatanii walitti qabamanii jiranuu Iyyasuus dhufee Isaan walkaa dhaabatee 'nageenyi isiniif haa ta'u' jedheen. 20 Innin erga kana jedhee booda harkaa fi cinaacha isaa isaanitti argisiise. Hordoftootnis yammuu. Gooftaa argan baay'ee baay'ee gamadan. 21 Iyyasuus ammas deebisee 'nagaan isiniif haa ta'u, akkuma Abbaan koo na erge sanattii anis isin erga' jedheen. 22 waan kana jedheet, hafuura isaanitti baafatee, akkana isaaniin jedhe. Hafuura Qulqullu fudhadhaa. 23 Cubbuu eenyumaatuu yoo dhiiftan, isaanii ni dhiifama, cubbuu enyumaatuu yo isiin hin dhiifneef, isaanii hin dhifamun. 24 Toomaas inni Didiimoos jedhamee waamamu, kudha lamaan keessa tokko kan ta'e, yeroo Iyyasuus dhufeeyyu sana isaan waliin hin jiru ture. 25 Hordoofaan inni biroos achiis 'Nuri Gooftaa arginee jira'. Innis isaaniin 'amman madaa harka isaa isa mismaaraan waraaname argee, quba koos madaa mismaaraan waraaname keessa kaa'uutti hin amanu' jedheen 26 Guyyoota saddeettin booda hordoftootni isaa deebi'aan keessa turan, Toomaasis isaan waliin ture, Iyyasuus balballi cufaa otoo ta'e jiruu seenee walkaa isaanii dhaabatee 'nagaan isiniif haa ta'u' jedhe. 27 Tomaasiinis 'quba keefidii harkoo koo ilaali harka kees asifidii cinaacha koo keessa gulchii kan amantee malee kan hin ammanne hin ta'iin' jedheen 28 Tomaasis 'Gooftaa koo fi Waaqa koo' jedhee isaaf deebise 29 Iyyasuus 'Ati sababa na argiteef amante, otoo hin argiin isaan amanan garuu ka eebbiffamanii.' usaani jedhe. 30 Iyyasuus bakka hordoftootni jiranitti mallattoolee biroo baay'ee, mallattota kan kitaaba keessatti hin barreeffamne hojjate. 31 kun garuu akka isin Iyyasuus inni Kiristoos, Ilma Waaqayyootti jettanii akka amantaniifi maqaa isaatiin akka jireenya qabaataniif isiniif barraa'ee.