Boqonnaa 21

1 Wantoota kanaan booda Iyyasuus ammas galaana Xibriiyaadoos biratti hordoftoota isaatti muldhate, haalli inni itti of-muldhises akkana ture. 2 Pheexiroos, Toomaas inni Didiimoos jedhamu, Naatinaa'eel inni nama Qaana Galiilaa, ijoolleen Zabdiyoositti fi hordoftootni biroi lama wal-bira turan. 3 Pheexiroosis 'ani qurxummi kiyyesuufin deema' isaaniin jedhe, isaanis 'nutis si waliin deemna' jedhaniin. Isaanis deemanii bidiruu keessa seenan halkan guutuus homa hin qabne. 4 ganama baariidhaan Iyyasuus galaana qarqara dhaabate ture garuu hordooftootni isaa inni Iyyasuus ta'uu isaa hin beekne ture. 5 Iyaasuusis 'Ijjollee waan nyaatamu wayii qabduu? isaanin jedhe. Isaanis 'hin qabnu' jedhanii deebisan. 6 Innis 'kaachoo keessan bidiruudhaa gara mirgaatti gad -dabaadhaatiin ni argattuu' jedheen. Kanaafuu isaanis kaachii isaanii gad-darbatanii sababa baayiina qurxummiitif kaachoo sana keessatti harkisuu dadhaban. 7 Hordofaan inni Iyyasuus jaalatuuyyu sun 'Inni Gooftaa dha' jedhee Pheexiroositti hime, Simi'oon Pheexiroosis immo 'Inni Gooftaa dha' jechuu isaa dhaga'ee (qullaa isaa waan tureef), uffata (huccuu) isaa marxifatee galaanatti gad- utaale. 8 Hordoftootni isaan kaanis gara bidruutti dhufan (isaanis lafa qarara galaana irraa baay'ee fagoo hin turre, fageenyii isaas gara ciqilee dhibba lamaati), isaanis kaachoo qurxummii dhaan guutame sana harkisan, 9 yammuu gara lafaatti ba'an ibidda cilee kan qurxummiin biddeena waliin irra jiru argani 10 Iyyasuusis 'qurxummii amma qabdan irraa mee muraasa irraa fidaa' isaaniin jedhe. 11 Simi'oon Pheexiroos bidiruu sana irra ba'ee kaachoo keessa qurxummi gurgudaa 153 guutame sana gara lafaattu harkise, kaachoo sunis qurxummii akkasitti baay'atanin guutamulle hin tarsaane. 12 Iyyasuusis 'kootaati, cireebnyaadha'isaaniin jedhe. 13 Iyyasuusis biddeena sana fudhee isaaniif kenne, qurxummis immoo akkasuma godhe. 14 Kunis erga Iyyasuus du'aa ka'e kana waliin yeroo sadaffaadhaafi kan hordoftoota isaatti of muldhise. 15 Iyyasuusis erga ciree nyaatanii booda Simi'oon Pheexiroosiin; "Yaa Simi'oon Ilma Yoonaa ati isaan kana caala na jaalataa? jedheen Innis 'eeyee, yaa Gooftaa akkan si jaaladhu atu ni beekta' jedheen Iyyasuus "Ilmaallan koo bobbaas" jedheen 16 ammas " yaa Simi'oon Ilma Yoonaa na jaalattaa?' jedheen Innis deebisee 'eeyee, yaa Gooftaa, akkan si jaaladhu atuu ni beekta' jedheen Iyyasuus immoo "hoolota (Korbeeyii fi Goromii) na eegi" jedheen 17 Yeroo sadaffaadhaaf "yaa Simi'oon Ilma Yoonaa na jaalattaa?" jedheen. Pheexiroosis sababa Iyyasuus yeroo sdaffadhaaf na jaalattaa? jechuun isa gaafateef gaddee 'Gooftaa ati waan hundaa beekta' jedheen Iyyasuusis akkana jedheen "hoolota koo bobbaas" 18 Ani dhugaan siin jedhaa yeroo ati dagaggeessa turtetti ofuma keetiin mundhii kee hidhattaa, yeroo duloomtu garuu, harka kee dirirfata, namni biroos mindhii kee hidhee gara atii hin barbaadne si geessa.' 19 Iyyasuus akka Pheexiroos du'a akkamiitiin Waaqayyoo ulfeessu agarsiisuuf waan kana dubbate, kana booddees, "ana duukaa bu'i" jedheen. 20 Pheexiroosis garagalee otoo hordofaan inni Iyyasuus jaalatu suun isaan duukaa bu'uu arge, hordofaan kunis isa yeroo irbaataatti laphee Iyyasuusitti maxxanee 'yaa Gooftaa, iinni dabarsee si kennu eenyuu dha? 'jedhee sanaa dha. 21 Pheexiroisis yammuu isa argub'yaa Gooftaa namni kun hoo? jedheen Iyyasuus gaafate. 22 Iyyasuusis deebisee "hanga ani dhufutti akka inni jiraatuu yoo feedhii koo ta'e maaltuu si dhibe 'Ati na duukaa bu'i'" jedheen. 23 Kanaaf yaadni 'hordofaan kun hin du'u' jedhu obboleewwan jidduutti oddefame, Iyyasuus garuu Pheexiroosin, hanga ani dhufutti akka inni jiraatuuf yoo feedhii koo t'e maaltuu si dhibee?' jedhe malee inni hin du'u hin jenne. 24 Hordofaan kun hordofaa isa waa'ee wantoota kanaa dhugaa ba'ee fi isa waantoota kan barreesse dha, nutis dhuga ba'iinsa isaa dhugaa ta'uu ni beekna. 25 Akkasumas Iyysuus waantoota biraa baay'ee hojateera. Otoo waantootni kun hundu isaanii tokko tokkoon barreeffamanii addunyaan ofi ishiitiin akka kitaabbotaa barreffamanii waan geessu nattu hin fakkaatu.