Boqonnaa 19

1 Philaaxiosis Iyyasuusiin ofitti fudhatee garfsiise, 2 loltootnis gonfoo qoraattii Miciiranii mataa isaa irra kaa'an. Isaanis uffata huccuu diima (dhilgee) isatti uffisanii. 3 Akkami yaa Mootii Yuhuudaotaa' jechaa gara isatti dedeebi'aa turan isas ni kabalan. 4 Philaaxoos immoo gadi ba'e, Yihuudotaan 'akka ani balleessa tokkollee isa irratti hin argine akka beektaniif kunoo ani isa gadiin isinii baasa'jedheen. 5 Iyyasuusis gonfoo qoraattii keewwatee, uffata (huccuu) diimaa (dhiilqee)uffatee gadi ba'ee, Philaaxoosis, 'namichi kunooti!' isaaniin jedhe. 6 Luboonni hangafootni fi qondaaltotni yammuu isa argan 'fannisaa! fannisaa! jechuun iyyan. Philaaxoosis immoo deebisee, 'isin ofuma keessanii fuudhaatii isa fannisa malee ani balleessaa tokkollee isa irratti hin argine' jedheen. 7 Yihuudonnis deebisanii 'nu seera qabna namni kun waan Ilma Waaqayyoo of godheef akka seera keenyaatti du'uu qaba' jedhaniin. 8 Philaaxoosis 'yammuu dubbii kana dhaga'uu irra caala sodate. 9 Innis biroo ol-aanaa bulchiinsa mootummaatti ol deebi'ee 'ati eessaa dhuftee?'jedheen Iyyasuus gaafate. Iyyasuus garu deebii tokkollee hin kennineef. 10 Philaaxoosis, 'maaliif caldhifta ani si fannisuudhaaf aangoo qaba ati hin beektuu?' jedheen. 11 Iyyasuusis 'ati otoo olirraa sii kennamuu baatee aangoo tokkollee ana irratti hin qabdu ture, kanaaf inni dabarsee sitti na kenne sun irra caalatti cubbuu qaba' jedhee deebiseef. 12 Philaaxoosis yeroo sanaa jalqabee Iyyasuus gad-dhiisuu barbaada ture; Yihuudonni garu 'ati yoo nama kana kad-dhiifte jaalallee (michuu) Qeessariiti miti namni mootii of-godhu hundi inni Qeessariin morma' jedhuun iyyan. 13 Philaaxoosiis yammuu dubbi 'paavament 'dhagaa buufamaa)' kan afaan Armaayikootaatiin 'gabataa' jedhamutti barcuuma murtii irra taa'e. 14 Guyyaan sunii guyyaa qophii torban faasigaa ture yeroon sunis naannoo sa'aatii ja'aa ture. Philaaxoosiis yihuudotaan 'mootiin keessan kunnootti'jedheen. 15 Garuu isaan moo 'dhabamsiis! dhabamsiis! isa fannisi! jechuun iyyan. Philaaxoosis 'mootii keessan haa fannisu ree?' jedhee gaafate. Luboonni hangafoonnis 'nuti Qeesaar malee mootii biraa hin qabnu' jedhanii deebisaniif. 16 Kanaaf Philaaxoos akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne. 17 Isaanis Iyyasuus fuudhan, inni fannoo ofii isaa baadhatee bakka 'buqee mata afaan Armaayikootaatiin 'Golgootaa' jedhamuttu, ol-bahe. 18 Isaanis achitti Iyasuus fannisuuf, isa waliin namoota biroo lama bitaa fi mirgaan Iyyasuus walakaa isaanitti fannisan. 19 Philaaxoosis barreeffama "IYYASUUS NAMA NAAZIREET MOOTII YIHUUDOOTAA" jedhee barreessee fannoo irratti maxxanse. 20 Bakka Iyyasuus itti fannifame magaalaatti waan dhiyio tureef Yihuudotni baay'ee ta'an barreeffama sana dubbisanii jiru, barreeffamichiis afaan Armaayiikii, Laatiinii fi Giriikiitiin barreeffame ture. 21 hangafoonnis 'inni mootii Yihuudootaati' jettee hin barreessin ' jedhaniin 22 Philaaxoosis 'ani waaniin barreessa, bareesseera' jedhee deebiseef. 23 Erga loltootni Iyyasuus fannisanii booda uffata (huccuu) isaa bakka afuritti tarsaasuudhaan bakka afuritti qoodanii tokko tokko hiraatan, kittaa isaas akkasuma godhan. Kitaan sunis kan hin hodhamne olii irraa hanga jalaatti tokko ture. 24 Akkasumas isaan 'Hin taraaafnuj, koottaa akka kan eenyuu ta'u carraa buufnee haa ilaallu malee' waliin jedhan. Kunis dubbiin kitaabaa kan, "Isaan uffata (huccuu) koo ofuma isaanitii hiratan Carraas itti buufatan" jedhe 25 Fannoo Iyyasuus bira haatii, isaa indootoon (obboleettiin haadha isaa) Maariyaam haati manaa Qaliyophaa fi Maariyaam Magdalaa dhaabatanii turan. 26 Iyyasuusis yammuu haadha isaafi hordofaa isa inni jaalatu sun otoo haadha isaa bukkee (cinaa) dhaabachaa jiru ilaaleeti haadhaan 'yaa dubartii; kunoo ilmi kee' jedhe. 27 Hordoofaa sanaanis 'kunoo haadha kee' jedhe hordofichis yeroo sanarraa kaasee gara mana isaatti ishii fudhate. 28 Kanaan booddee Iyyasuus akka waanti hundumtuu raawwate beekee dubbiin kitaabaa akkka raawwatamuuf "dheebodhe" jedhe. 29 daadhii dhangaggaa'aadhan guutame tokko achi dhabate ture, isaanis daadhii sana keessa Ispoonjii cuuphanii fiixee ispoonjiitiin gara afaan isaatti qaban. 30 Iyyasuusi erga dhugaatii dhangaggaa'a sana fudhateen booda raawwate' jedhe. mataa isaa ga- labsee lubbuu isaa kenne. 31 Guyyaan sun sababa guyyaa qophii ta'eefi kanaafuu imoo guyyaa sanbataa Iyyasuus reenfa isaa fannoo irraa buusuun hi danda'amneef (sanbatni sun aadatti barbaachisaa ture.) Warri Yihuudotaa akka milli isaanii caccabee fannoo irraa gad-buufamuuf Philaaxiosin gaafatan. 32 Kanaafuu looltootni deemanii mila nawa isa jalqaabaa fi miila nawa isa kaanis ka isa waliin fanniifaman cacabsan. 33 Yammuu garanIyyasuus dhufan garuu inni du'ee waan arganiif miila isaa hin cabsine. 34 Loltoota sana keesaa inni tokko eeboo dhaan cinaacha isaa waraane yeroodhuma sana dhigni fi bishaan ba'e. 35 Namni inni waan kana arges dhugaa ba'eera, dhugaa ba'insi isaas dhugaadha, innis akka dhugaa dubbatni beeja, inni bakka isin amantaniif dhugaa ba'a. 36 Kunis akka waantii kitaaba keessatti 'lafee isaa keessaa tokkolleen hin cabu' jedhame sun akka raawwatamuuf ta'e. 37 Kana malees, kitaabni bakka biraatti 'isaan isa waraanan sun ni argu' jedha. 38 Kana boodas Yooseef namni Armaatiyaa (inni sababa Yihuudota sodaateef dhoksaan hordofaa Iyyasuus ture sun) reenfa isaa akka fudhatuuf Philaaxoos gaafate Philaaxoosis eyyamnaaniif deemee fudhate. 39 Niqoodimoos inni kanaan dura halkaniin gara Iyyasuus dhufee tures wal -makaa karbee (qumbii) fi hadhaa (argeessa) gara kiloo graami soddomii afurii ta'u fudhatee dhufe 40 Isaanis reenfa Iyyasuus fudhanii akka aadaa awwaalcha Yihuudotaatti urgooftuu waliin huccuu quncee talbaa irraa hojjatameen (Naayilanii kafanan. 41 Bakka Iyyasuus itti fannifame, lafa ahhakiltii ture sana keessas bakka awwaalaa haarawaa kan namni tokkollee kanaan dura itti hin gaatamnetuu ture. 42 Sababii guyyaan sun guyyaa qophii yihuuditaa tureef, bakki awwaalichaas dhiyoo waan tereef Iyyasuus achi keessa kaa'an.