1 1 Phaawulosii fi Ximotewos, hojjetoota Yesuus Kiristoos, Yesuus Kiristoos keessatti, qulqulloota hundumaa Filiphisiiyus keesa jiran hundumaaf. Ilaatotaa fi gargaartotaatis. 2 Ayyaannii fi nagaan Waaqayyoo abbaa keenyaa fi gooftaa Yesuus Kiristoos biraa isiniif haa ta’u. 3 Yeroo si yaadadhu hundumaa Waaqayyoon nan galateeffadha, 4 Yeroo hundumaa, kadhannaa koo keessatti waa’ee keessan hundumaa, gammachuudhaan kadhannaa koo gochaa. 5 Sababii isin jalqabaa kaafatanii hanga ammaatti wangeela keessatti hidhata koo taataniif. 6 ani waa’ee kanaaf baay’een ija ofitti amanamummaa qaba, inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe, hanga guyyaa Yesuus Kiristoos dhufuutti itti fufa. 7 waa’ee hunduma keessaniif haala kanaan yaaduun koo sirriidha, sababiin isaa garaa koo keessa jirtu. Isin hundumti keessan ayyaanaan hidhamuu fi himatamuu koo keessatti, yeroo wageela jabeessus michoota koo turtan. 8 Waaqayyo dhuga baatuu kooti, hunduma keessan jaala Yesuus kiristoosiin isinin yaada. 9 Kanaaf, kun kadhannaa kooti, akka jaalalli keessan beekumsaa fi waan hundumaan hubachuutti dachaadhaan guddatuuf, 10 Akka isin waan gaarii ta’e mirkaneessitaniif, akka isin hanga guyyaa Yesuusitti gaarii fi warra muda hin qabne akka taatan, 11 Firii qajeelummaan isa Yesuus Kiristoos keessaan ulfinaa fi galata Waaqayyoof ta’uun guutamtanii. 12 Amma egaa beekuun barbaada, obbolootaa, akka waanti ana irratti ta’e bgudachuu wangeelaaf oole. 13 Kana irraan kan ka’e, Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo, waardiyoota masaraa mootummaa fi namoota hundumaa duratti gara ifaatti dhufe. 14 Obboloonni hedduun sababii hidhamuu kootiif gooftaatti ija jabina baay’ee qabu, sodaa malee sagalicha dubbachuufis ija jabina qabu. 15 Tokko tokko hinaaffaa fi dorgommiidhaaf, Kiristoosiin lallabu, warri kaan immoo fedhuma gaariidhaan 16 Booda garuu jaalalaan hojjetu, akka ani falmii wangeelaaf addana jiru waan beekaniif. 17 warri duraa garuu fedhii ofittummaa irraan kan ka’e Kiristoosiin lallabu, jaalalaan miti. Isaan yeroon hidhaa keessa jiru ana aarsuu yaadu. 18 Maloodharee? Karaa hundumaa qofaa, kaka’umsa sobaa yookaan dhugaan haa ta’u, Kiristoos haa lallabamu; kanatti immoo ani nangammada. Eyyee, ani nan gammada. 19 Ani waanan beekuuf, akka kun fayyina kootiif ta’u, kadhaannaa keessanii fi gargaarsa hafuura Yesuus Kiristoos keessaan. 20 Inni waanan hawwiidhaan eeguu fi abdoo kooti, akraa kan iyyuu yeella’ee akka an hin argameef, garuu ija jabina hundumaan, amma akkuma yeroo hundumaa, kiristoos qaama koo keessatti ol ni kaafama, jireenyaan yookaan immoo du’aan. 21 Anaaf jireenyi Kiristoosi; du’is bu’aa kooti. 22 Garuu, yoon foon keessa jiraadhe, inni anaaf hojii bu’a qabeessa. Isa kan filadhu? Hin beeku. 23 Lamaan isaa gidduutti jabeessee danqamee waan jiruuf. Hawwiin koo irraa adda ba’ee Kiristoosii wajjin ta’uudha, isa baay’ee caalu sana, 24 Amma iyyuu immoo, foon keessa turuun caalaatti isiniif jecha barbaachisaadha. 25 Kana hubachuudhaan, akkan isin biratti hafee hunduma keessanii wajjin itti fufu beeka, guddinaa fi amantii keessatti gammachuu keessaniif. gammachuu fi amantii keessaniif. 26 Akka isin ana keessatti Kiristoosiin Yesuusiin of jajuuf sababii caalu qabattaniif yeroon deebi’ee gara keessan dhufu. 27 Ofii kee akka amala wangeela Kiristosiif ta’utti bichisiisi. Yoon isin arguudhaaf gara keessan dhufes dhiises. Waa’ee keessan dhaga’uu nan danda’a. akka ati hafuura tokkotti jabaattee dhaabattee jirtu. Amantii wangeelaaf yaada sammuu tokkoon walii wajjin. 28 Karaa kam iyyuu warra isiniin morman hin sodaatinaa. Kun badiisa isaaniif mallattoodha. Isiniif garuu fayyina, kun Waaqayyoo biraati. 29 Kiristoos irraan kan ka’e tola isiniif kenname, isatti akka amantan qofaaf miti, isaaf jettaniis akka dhiphattaniif malee. 30 Wal’aansoo ani keessa jiru isa ana keessa jiru argitan, amma ana keessatti dhageessu.