Boqonnaa 18

1 Iyyasuus erga kana dubbatee booda, hordoftoota isaa waliin ka'ee gara biraa gama Qeedaaritti bakka ashaakiltii ture tokkootti ce'enii innifi hordoftootni isaa achii keessa seenan. 2 Amma Yihuudaan, inni dabarsee isa kennuuf jedhuus immoo bekka Iyyasuus yeroo baay'ee hordoftoota isaa waliin walqunnamuu tana ni beeka ture. 3 Kanaafu Yihuudaan garee loltootaa, qondaaltoota lubootaa keessaa murasa fu Faisoota biraa deemee isaan dura bu'uun isaanis xamboora, faanosii fi meeshaa lolaa qabachu dhufan. 4 inni waan isarra ga'uuf jiru hunda beekeet, gadi ba'ee 'isin eenyu barbaadu? jedhee isaan gaafate. 5Isaanis 'Iyyasuus nama Naazireet' jedhanii deebisaniif. Iyyasuusis 'Ana dha 'jedheen. 5 Yihuudaan, inni isa dabarsee kennes loltoota waliin dhaabata ture. Yammu Iyyasuus 'Ana dha' isaaniin jedhu, dugda-dubbatti lafatti kufan. 6 Ammas deebisee 'Eenyuu dha barbaadu?' isaan gaafate. 7 Deebisanii isaanis 'Iyyasuus nama Naazireet' jedhaniin. 8 Iyyasuusis 'Inni Ana dha isiniin jedheera, kanaafuu isin erga ana barbaaddanii isaan kan dhiisaa haa deemanii' jedhee deebiseef. 9 Kunis akka dubbin inni 'isaan Ati naa keniite keessaa tokkollee hin gatne' jedhee dubbata suun akka raawwatamuuf ture. 10 Pheexiroos, inni guraadee qabatee ture, guraadee isaa luqqifatee garbicha (hojjata)lubba ol-aanaa kan ta'erra gurra isaa isa mirgaa dha'uun irraa kute; maqaan garbichichaa (hojjatichaa) Maalkoos ture. 11 yyasuusis Pheexiroosiin "guraadee kee deebifadhu, ani xuwwaa isa Abbaan anaaf kenne dhuguu hin qabuu' jedheen. 12 Gareen loltootaa ajajootafi qondaaltootni Yihuudootaa Iyyasuus qabuun hidhan. 13 duraan dursanii gara Haannaa isa amaatii Qayyaffaa isa luba ol-aanaa bara sanaa ta'etti isa geessan. 14 Qayyaaffan, nama isa Yihuudootaan 'namni tokko ummata hundaaf du'uu wayya'j jedhee goraa kenneedha 15 Simi'oon Pheexiroosis Iyyasuus hordofe, hordoftoota keessayyisbinni tokkos ni horrdofe, hordofaan sunis waan luba ol-aanaa biratti beekamaa tureef. Innis Iyyasuus waliin gara dalla bakka murii lubba ol-aanaa keessa seene. 16 Pheexiroos garuu ala balbala irra dhaabachaa ture. Hordifaan luba ol-aanaa sana garuu sana biratti beekamaa ture sunis gad-ba'ee balbala eegduutti himee Pheexiroosii gara keessatti fide. ho'ifata ture. 17 Dubartiin, ishiin balbal aeegdu sunis Pheexiroosin 'ati hordofaa nama kanaa keessa isa tokko dha miti?' jette. Innis deebisee 'ani isa miti' jedheen. 18 18Yeroon isaa yeroo qorraa waan tureef garboonni (hojjatootni) fi qondaaltootni ibida (cilee) qabsiisanii dhabbatanii ho'ifatu turan, Pheexiroosis isaan waliin dhabbatee ho'ifata ture. 19 Yammuu sanas lubni ol-aanaan waa'ee hordooftootaa fi waa'ee baruumsa isaa Iyyasuus gaafate. 20 Iyyasuusis akkana jedheen deebiseef 'ani ifatti baasee addunyaatti dubbadheera, bakka Ayyihuudootni hundi walitti qabamanitti, mana sagadaattifi mana qulqullummaa keessaatti yeroo hunda barsiisaan ture, ani waantin dhooksaatti dubbadhe tokkollee hin jiru. 21 Ati maaliif ana gaafatta? Warreen waanin ani isaaniin jedhe dhaga'an gaafadhuu, isaan waanin ani jedhe ni beeku.' 22 ammuu Iyyasuus kana jedhu qondaaltoota achi dhaabatan keessaa tokko 'luba ol-aanaa dhaaf akkanatti deebiftaa' jedhee isa kabalee. 23 Iyyasuusis 'yoo dhan ani dogorgora dubbadhee jiraadhee dogorgora sanaa dhugaa ba'i, jedhee isaaf deebise. 24 Haannaanis akkana Iyyasuus hidhamee jirutti gara luba ol-aanaa, gara Qayyaaffaatti isa erge. 25 Simi'oon Pheexiroos otoo dhaabatee ibida hoo'ifachaa jiruu 'atis hordofaa nama kanaa keessaa isa tokkodhaa?' jedhaniin. Innis 'ani miti' jedheen gane. 26 (hojatoota) luba ol-aanaa keessaa firri namicha isa Pheexiroos gurra isaa irraa kute sanaa tokko, 'ani bakka ashaakiltiitti isa waliin si hin arginee? jechuun gaafate. 27 ammas ni gane; yeroodhuma sanas kormaan lukku (handanqoo) iyyee. 28 Yihuudonnis mana Qayyaaffaatti Iyyasuus fuudhanii gara biroo ol-aanaa bulchaa mootummaa warra Roomaatti geessan, yeroon isaas ganama barii ture. Yihuudotnis akka hin xuroofneef jedhanii gara biroo ol-aanaa bulchiinsa mootumaatti ol-hin seenne. Kunis akka Faasigaan nyaachuu danda'aniifi. 29 Kanaaf Philaaxoos gara isaanitti gadi ba'ee, 'himanni isin nama kana irratti dhiyeessitan maal dha? jedhee gaafate. 30 Isaanis 'otoo namni kun yakka hojjachuu baatee nut isa dabarsinee sitti hin kennini ture' jedhanii deebisaniif. 31 Philaaxoosis, 'isin ofuma keessanii isa fuudhaatti akka seera keessaniitti itti murteessaa' jedheen. Yihuudotnis 'nama tokolleee ajjesuun nuuf hin eyyamamu' jedhaniin. 32 Kunis waantii Iyyasuus du'a akkamiitiin akka du'u agarsiisuuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e. 33 Philaaxoosis deebi'ee gara biroo ol-aanaa bulchiinsa mootummaa seenee, Iyyasuus ofitti gaafate. 34 Iyasuusis 'kun yaaduma keeti moo, namoota biraatuu waa'ee koo sitti hime?' jedhee gaafate. 35 Philaaxoosis deebisee 'natuu Yihuudii dhaa ree?' kan dabarsee natti si kenne sabuma keetiifi luboota angaafoota, ati garuu maal balleesitee?' jedheen. 36 Iyyasuusis mootummaan koo kan addunyaa kanaatii miti, otoo kan addunyaa kanaa ta'ee akkanatti dabrfamee Yihuudotatti hin kennamneef maleektonni koo naa lolu turan, amma garuunmootummaan koo kan addunyaa kanaatii miti' jedheen. 37 Philaaxosis 'yoos ati Mootii dha kaa!' jedheen. Iyyasuusis immoo 'akkan ani mootii ta'e ati dubbachuun kee sirri dha; ani dhugaaf rageessuuf jedheen dhaladhe, sababniin ani gara addunyaa kana dhufeefis kanaa dha, namni dhugaaf dhaabatu hundumtuu sagalee koo dhaga'a' jedhee deebiseef. 38 Philaaxoosis 'dhugaan maali dha inni?' jedheen. Iniis erga kana dubbatee booddee ammas Yihuudotatti gadi ba'ee akkana isaaniin jedheen 'Ani ballessaa tokkollee isa irrati hin arginne. 39 Garu isin akkan ani yeroo Faasigaatti nama tokko mana hidhatii isinii gad-ldhiisu aadaa godhattaniirtu. Kanaaf akkan ani 'Mootii Yihuudotaa isinii gad-dhiisuu barbaadduu?' 40 Isaanis Iyyudhaan 'lakki, Barbaan malee isaadhaa miti' jedhan. Barbaanis saamtuu ture.