Boqonnaa 17

1 Iyyasuus erga waantoota kanneen jedhee booda, ija isaa gara samitti ol-kaasee akkanas jedhe 'Abbaa sa'atiin ga'eera, akkuma Ilmi si Ulfeesse Atis Ilm kee Ulfeessi. 2 Akkuma ati nama hunda irratti aangoo isaaf kenniteef sana, innis namoota hunda ati isaaf kenniteef jireenya barabaraa kennera. 3 Jireenyi barbaraas isa kana. Innis isaan si Waaqa dhugaa qaffatiifi Iyasuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuudha. 4 Ani addunyaa kana irratinsi Ulfeesseera. Hojii isa ati akkan ani hojjadhuuf naa kennitte sana raawwadheera. 5 Egaa yaa Abbaa amma ati Ulfinan ani otoo addunyaan hin uumamiiniin dura si biratti qabu sanaan of-biratti na ulfeessi. 6 Ani ummata isaan ati addunyaa irraa anatti kenniteef maqaa kee muldiseera. 7 Isaanis kan kee turan, atimmoo isaan natti kennite; isaanis dubbii kee eeganiiru. Isaanis waantii ati natti kennite hundumtuu akka sibiraa dhufe amma beekaniiru. 8 ati naa kennite, ani isaaniif kennera, isaanis fudhataniiru. Akkan ani si biraa dhufes dhugumaan beekaniiru, akka ati na ergites amananiiru. 9 Ani isaaniif nan kadhadha. Addunyaadhaaf hin kadhadhu, waan kan kee ta'aniif isaan ati naa kenniteef malee. 10 Waantii kan koo ta'e hunduu keetii dha, kan kees kooti, anis kanaan ulfinan argadha. 11 Ani kanaan booda addunyaarra hin jiraadhu, uumanni kun garuu addunyaa irra jiraatu, ani gara kee nan dhufa. Yaa Abbaa Qulqulluu akkuma nut tokko taane kana akkasumtti isaanis akka tokko ta'aniif maqaa kee isa ana kennite sanaan isaan eegi. 12 Yeroon ani isaan waliin jiruuyyu maqaa kee isa naa kennite sanaan isaan marsee eegeera, Akka dubbiin kitaaba keessatti barreefame raawwatamuuf ilma badii sana malee isaan keessa namni tokkollee hin badne. 13 Amma ani gara keen dhufa, garuu gammachuun koo akka isaan keessatti guutuu ta'uuf waantoota kana addunyaa keessattin dubbadha. 14 Ani dubbii kee isaaniif kennera, akkuman ani kan addunyaa hin taane isaanis kan addunyaa waan hin taaneef addunyaan isaan jibben. 15 Ani akka ati isaan isa hamaa sana irraa isaan eegduuf malee akka ati addunyaa keessa isaan baaftuf si hin gaafadhu. 16 Akkuma ani kan addunyaa hin taane akkasuma isaanis kan addunyaatii miti. 17 Dhugaadhaan isaan qulqullessi, dubbiin kee dhugaa dha. 18 Akkuma ati gara addunyaatti na ergiitettin anis gara addunyaatti isaan erga. 19 Isaaniif jechan ani ofi qulqulleessa. Kanaafuu akkanumattin isaanis dhugaadhaan ofqulqulleessu. 20 Ani isaan kana qofaaf si hin kadhaadhu,warra isaan dubbii isaaniitiin nat amananiifis maleen. 21 yaa Abbaa, akkuma ati ana keessa jirtu, fi anis si keessa jiru, akkasuma isaanis nu keessa haa ta'an, tokko haa taa'anis. Kunis ati na erguu kee addunyaan ni amanu. 22 Akkum nuti tokko taane isaanis akka tokko ta'aniif ulfina ati anaaf kennite sana anis isaaniif kenneera. 23 Ani isaan keessa, atis na keessa, kunis akka isaan gara tokkummaa guutuuttii fiduufi kunis akka ati na ergiteefi na jaalatta akka isaanis jaalatte akka addunyaan beekuuf. 24 Yaa Abbaa akka isaan ati naaf kennite kun bakkan ani jiru ana waliin akka jiraataniifi akka isaan ulfina koo isa ati otoo addunyaan hin uumamii iin dura sababa na jaalatteef naa kennitte akka argan nan barbaada. 25 Yaa Abbaa isa qajeelaa, addunyaas si hin beeku, ani garuu si beeka, isaan kunis akka ati na ergite ni beeku. . 26 Jaalalli ati ittin na jaalatte isaan keessa akka jiraatuuf anis isaan keesa akkan jiraadhu, maqaan kees isaan biratti akka beekamu godheera, akka beekamuus nan godha.