Boqonnaa 16

1 wantoota kanneen akka isin karaa irraa hin badneef jedheen isinitti himeera. 2 Isaanis mana sagadaa keessaa isin ni ari'u. Garuu yeroon namni isin ajeesu kamiyyuu akka waan Waaqa tajaajiluutti itti yaadu tokko ni dhufa. 3 Sababni isaan waantoota kanneen godhaniif waan Abbaa yookin ana hin beekneefi dha. 4 Ani waa'ee isaanii isinitti dubbachuun koo yammuu yeroon isaanii dhufuu akka yaadattaniifin isinitti hime. Ani waanin isin waliin tureef kanaan dura waa'ee waantoota kanneenii isinitti hin himne. 5 Amma garuu ani gara isa na ergee nan deema, ta'us isin keessa namni 'ati eessa deemta? jedhee na gaafatu kamiyyuu hin jiru. 6 Garuu sababan waantoota kanneen isinitti himeef gaddi hadhaa'an onnee keessan keessa guuteera? 7 ani dhugaan isinitti hima, yoodhan deeme isiniif wayya, ani deemu malee jajjabeessaan sun gara keessan hi dhufu, ani yoon deeme garu isa isiniif nan erga. 8 Yammuu inni dhufu, jajjabeessan addunyaan akka dogongoran, waa'ee cubbuu, waa'ee qajeelummaa fi waa'ee murtii ni sirreessa. 9 Waa'ee cubbu, sababa isaan anatti hin amanneef. 10 Waa'ee qajeelummaa, sababan ani gara Abbaa deemuufi isinis kanaan booda na hin argineef. 11 waa'ee murtii, sababa bulchaa addunyaa kanaa itti murtaa'eefi. 12 ammallee waantiin isinitti himu baay'een qaba, isin garuu amma baachuu hin dandeessan. 13 Garuu inni, Hafuurri dhugaa yammuu dhufu, inni gara dhugaa hundatti isin qajeelcha, inni waan dhaga'ee hunda hima malee ofuma isaatiin hin dubbatu, waan dhufuuf jitu isinitti hima. 14 Sababa inni waanuma koo anarraa fudhee waan isinitti himu inni na ulfeessa. 15 Waanti Abbaan qabu sun hundinuu kootuma. Kanaafuu Hafuura waan kan koo ta'ee anarraa fuudhee isinitti hima kanin isiniin jedhe sanadha. 16 yeroo gababaaf ana hin argitan, yeroo gabaabaan boodatti immo na argitu. 17 Kanaafuu hordoftoota isaa keessaa muraasin 'Isin yeroo gabaabaaf na hin argitan, yeroo gabaabaan booda immoo na argitus sababan ani gara Abbaa deemuuf jechuun isaa maal jechuu isaati? Waliin jedhan. 18 Kanaafuu isaanis 'yeroo gabaabaa jechuun isaa kun maal jechuu dha? Maal jechuu isaa akka ta'e nuti hin beeknu' jedhan. 19 Iyyasuus akka isaan isa gaafachuu barbaadan beekee akkana jedheen 'waantin ani isin yeroo gabaabaaf ana hin argitan, yeroo gabaabaan booda immo na argitu jedhe kana maal jedhuu koo akka ta'e wal-gaafachaa jirtuu?' 20 'Dhugaa, dhugaa isiniin jedha isin ni boochuu, ni gaddituus. 21 Addunyaa garuu ni gamada, Isin akka malee gadditu, haa ta'u garuu gaddi keessan gara gammachuutti ni jijjirama. 22 Kanaafuu isin amma gadda qabdu ani garuu deebi'ee isini ilaala, onneen keessanis gammachuudhaan guutama. Gammachuu keessanis eenyuyyuu isin irraa hin fudhatu. 23 Guyyaa sana isin waanti isin na gaafattan homtuu hin jiru. Dhugaa, dhugaa isiniin jedha isin waanumma kamiyyuu maqaa kootiin yoo Abbaa gaafattan, inni isa isiniif kenna. 24 Isin hanga ammaatti maqaa kootiin homaa hin gaafatne, gammachuun keessan akka guutuu ta'uuf gaafadhaa ni argatu. 25 . Ani waantoota kanneen fakkeenyaan isinitti himeera, garuu yeroo ani deebi'ee fakkeenyaan isinitti hin dubbane tokko ni dhufa. Kanaan booda garu waa'ee Abbaa fakkeenyaan otoo hin ta'in ifumattin isinitti hima. 26 sana isin maqaa kootiin ni kadhattu anis isinif Abbaa gaafadha isinin hin jenne. 27 Isin waan na jaalattaniif Abbaa biraa dhufuu koos waan amantaniif Abbaan ofiin isaa isin jaalata. 28 Ani Abbaa biraa dhufeera, ammas deebise gara addunyaa nan dhufa. Addunyaa dhiseen gara Abbaa nan deema. 29 Hordoftootni isaas 'haali, ati amma fakkeenyaan otoo hin ta'in ifumatti dubbachaa jirta, 30 akka ati waan hunda beektuufi akka eenyumtuu gaafi si hin gaafachuu hin barbaachifne nuti amma beekneerra. Kanaafuu akka ati Waaqa biraa baate nut ni amanna.' jedhaniin. 31 deebisee 'Isin amma amantaniirtu? 32 yeroon ni dhufa, eyyee, yeroon isin tokko tokkoon ana kophaatti na dhiftani gara mana keessaniitti faffacaatan sun ga'eera. Garuu Abbaan koo waan ana waliin jiruuf kophaa koo miti.' jedheen. 33 Akka isan na keessa jiraachuudhaan nagaa qabaataniif ani kanneen isinitti himeera, addunyaa kana keessatti rakkini qabdu, garuu jajjabaadha. Ani addunyaa kana moo'adheeraati!