Boqonnaa 15

1 'Ani jirma Wayinii dhugaati. Kan dhaabess Abbaa kooti. 2 Inni damee narra jiru kan firii hin bufne hunda muree gata, damee firii buusu immoo akka caalattu buusuuf irraa kiittaana.' 3 Isin ergaan ani isinitti dubbadheeraa kan ka'e qulqullooftaniirtu. 4 Na keessa jiraadhaa, anis isin keessan jiraadhaa. Akkuma dameen yoo jirma wayiniitti jiraatu malee ofuma isaaniin firii buusuu hin dandeenye, isinis yoo an keessa jiraattan male firii buusuu hin dandeessan. 5 Ani jirma wayiniiti isin immoo dameewwan. Namni inni kamiyyuu yoo na keessa jiraate, anis yoodhan isa keessa jiraadhe, inni firii baay'ee buusa, isin anaan malee homaa gochuu hin dandeessan. 6 Namni inni kamiyyuu na keessa yoo hin jiraatiin inni akka damee achi darbatamee goguti, isaanis dameewwan walitti qabanii ibidda keessa darbatu, ni gubamas. 7 Isin yoo na keessa jiraattaniif dubbiin koos yoo isin keessa jiraate, waan feetan hunda gaafadhaa, innis isinif godhama. 8 Isin yoo firii baay'ee buufattanii fi kanaaniis hordoftoota koo akka taatan yoo mirkaneesitan, kanaan Abbaan koo ni ulfaata. 9 Akkuma Abbaan na jaalatutti anis isin jaaladheera, Jaala koo keessa jiraadhaa. 10 ani ajaja Abbaa kootii eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis yoo ajaja koo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu. 11 waantota kannen isinitti himeera, kunis immoo akka gammachuun koo isin keessa jiraatuufi gammachuun keessanis akka guutuu ta'uufi dha. 12 Ajajni koo isa kanaadha 'akkuman ani isin jaaladhetti isinis wal-jaaladha. 13 kamiyyuu jaalala guddaa lubbuu isaa dabarsee jaalalleewwan isaatiif keennuu caala hin qabu. . 14 Waanin ani isin ajaje kana yoo gootan isin michoota kooti. 15 Ani ammaan booda hojjataa (garboota) isiniin hin jedhu kunis hojjataan(garbicha) waan gooftaan isaa hojjatu waan hiin beekneef, ani isinin michoota jedheera. Anis waanin Abbaa koo irraa dhaga'ee hundumaa isin beeksiiseera 16 Isin akka deemtanii firii buuftaniif, firiin keessaniin akka jiraatuuf anatuu isin filate, anatuu isin muude male isin na filanne, kunis akka Abbaan waan isin maqaa kootiin gaafattan hunda isinii kennufi. 17 Ani isiniin ajaja, Wal-jaaladha. 18Addunyaan yoo isin jibbe, otoo isin hin jibbiiniin dura akka na jibbe beekaa. 18 Addunyaan yoo isin jibbe, otoo isin hin jibbiiniin dura akka na jibbe beekaa. 19 otoo kan addunyaa taatanii addunyaan akka kan ofii isaatti isin jaalata ture, garuu amma isin kan addunyaa waan hintaaneefi sababan ani addunyaa keessa isin filadheef kanaafuu addunyaa isin jiba. 20 Dubbun ani 'hojjataan (garbichi) gooftaa isaa hin caaluu isainiin jedhe sana yaadadha.' Isaan erga ofirraa na ariyatani, isinis akkasuma ni ariyatu, dubbii koo yoo eegan, akkasuma keessanis ni eegu. 21 sababa isa na erge sana hin beekneef maqaa kootiif jedhanii waan kana hunda isin irratti raawwatu. 22 Otoon ani dhufee isaanitti himuu baadhee cubbuu isaanitti hin ta'u ture, amma garuu cubbuu isaaniitiif sababa dhiyeeffatan hin qaban. 23 Namni inni na jibbu Abbaa koos akkasuma ni jibba. 24 Otoon ani hojii namni biraa kamiyyuu hin hojjanne jidduu isaanitti hojjachuu baadhee cubbuu isaanitti hin ta'u ture. Amma garuu otuman waaniin hojjadhe argaa jiranuu anas abbaa koos jibban. 25 Kunis garuu akka dubbiin seera isaanii keessatti 'Isaan sababa malee na jibban' jedhamee barreeffame sun raawwatamuuf ta'e. 26 Yammuu jajjabeessaan innis Hafuura dhugaa innin ani Abbaa biraa isinii ergu inni Abbaa keessaa ba'u dhufu sun inni waaye koo ni dhugaa ba'a. 27 Isin jalqaba kaaftanii waan ana waliin turtaniif ni dhugaa baatu