Boqonnaa 14

1 keessan hin raafamiin Waaqayyootti amanaa, anaattiis amanaa. 2 Abbaa kootii keessa kutaan jireenya baay'eetuu jira, otoobakkana ta'uu baatee ani isinittin hima ture ani bakka isiinif qopheessuuf achin dhaqa. 3 Anis yoodhan achi deemee bakka isiniif qopheessa, akka isinis bakka ani jiraadhu jiraataniif deebi'ee dhufuun ofitti isin fudhadha. 4 Isinis karaa bakkan ani deemu geessu ni beektu. 5 Toomaasis Iyyasuusiin 'Yaa Gooftaa ati eessa akka deemtu nut hin beeknu hoo, akkamitti karaa sana nut beekuu dendeenya?' jedhe. 6 Iyyasuusis 'Karaaf dhugaan jireenyis Ana dha, yoo anaan ta'e malee eenyumtuu gara Abbaa hin dhufu.' 7 isin na beektanii Abbaa koos akkanuma ni beektu turtan. Ammarraa jalqabdaniis isa ni beektu, isas argitaniittu. 8 Filiiphoosis 'yaa Gooftaa, Abbaa nutti agarsiis, kunis nu ga'a.' 9 Iyyasuusiin jedhe. Iyyasuus 'Filiiphoos ani yeroo dheeraa ammanaa isin waliin jiraadhee, ati ammalee ana hin beeknee? isaan jedhe. Namni na arge kamiyyuu Abbaas argeera, yoos ati akkamitti Abbaa nutti agarsiis jechuu dandeesse ree? 10 Akkan ani Abbaa keessa jiruufi Abbaanis akka ana keessa jiru ati hin amantuu? Ani dubbiin isinitti dubbadhu kana aangoo ofuma kootiitiin hin dubadhu, garuu Abbaan inni ana keessa jiraatu gocha isaa ni hojjata. 11 ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru na amanaa. Yookiin sababuma hojiiwwan ofiibsaaniitiif jedhaatii amanaa.' 12 Dugaa, dhugaa isiiniin jedhe 'Namni natti amanu inni hojjiin ani hojjadhu ni hojjata, ani waaniin gara Abbaa deemuf kan natti amanu waan kanneen caaluu ni hojjata. 13 Akka Abbaan Ilma isaatiin ulfina argatuuf waan kamiyyuu maqaa kootiin waan isiin gaafatan hunda ani nan raawwadha. 14 Isin waanuma kamiyyuu maqaa kootiin yoo na gaafattan ani nan raawwadha. 15 Isin yoo na jaalattan, ajaja koo ni eegdu, 16 Anis Abbaa nan kadhadha. Innis akka barabaraan isin waliin jiraatuuf jajjabeessaa biraa isiniif ni erga. 17 Hafuura dhugaa Addunyaa waan isa hin beekneefi hin argineef isa fudhachuu hin danda'an isin garuu waan inni isin waliin jiruufi, isin keessas waan jiruuf isa ni beektu. 18 Ani akka ijoollee Abbaa fi Haadha hin qabneetti isin hin dhiisu, gara keessan nan dhufa. 19 gabaabaan booda addunyaan deebi'ee ana hin argu, isiin garuu na argitu, sababan ani jiraadhuf isinis ni jiraatu. 20 ani Abbaa koo keessa jiru, akka isinis na keessa jirtan, akkan anis isin keessa jiru guyyaa sana ni beektu. 21 Namni inni ajaja koo of biraa qabu isas kan eegu inni nama na jaalatuu dha, nama na jaalatu Abbaan koo ni jaalata, anis isa nan jaaladha, ofis isatti nan muldhisa. 22 Yihuudaa (Asqorootu kan hin ta'in) Iyyasuusin 'yaa Gooftaa ati maaliif addunyaatti otoo hin ta'in nutti of muldhifta?' jedheen. 23 Iyyasuus akkana jedhee deebiseef 'Namni inni kamiyyuu yoo na jaalata dubbii koo ni eega. Abbaan koos isa ni jaalata; gara isaas ni dhufna;isa biras jiraanya keenya ni taasifna. 24 Namni inni na hin jaalanne dunnii koos hin eegu, dubbiin isin dhageessan kunis kan Abbaa isa na erge sanaati malee kootii miti. 25 Ani otuman isin waliin jiru wantoota kana hunda isinitti hime. 26 Jajjabeesan sun -Hafuura Qulqulluu isa Abbaan maqaa kootiin erguu dha, inni waan hunda isin barsiisa, waaniin ani isinitti hime hundumaas isin yaadachiisa. 27 Ani nagaan isiniif dhiise, nagaa koo kaniin ani isiniif kennu nagaa kan akka addunyaan kennituuti miti. Onneen keessan hin raafamiin hin sodaatiinis.' 28 Isin akkan ani 'nan deema deebi'ee gara keessan nan dhufa' jedhe dhageessanii jirtu, otoo na jaalatani yammuun gara Abbaa dhaquubkootti ni gamaddu turtan, waan Abbaan na caaluuf. 29 Amma yammuu waanti kun ta'u akka amantaniif otoo inni hin ta'iin ani duraan dursee isinitti himeera. 30 Waan bulchaan addunyaa kanaa dhufuuf ani kanaan achi isin waliin baay'ee hin dubbadhu, innis angoo ana irratti hin qabu. 31 Garuu akkan an Abbaa jaaladhu addunyaan akka beekuuf, akkuma Abbaan ana ajajeettis nan raawwadha olka'aa asii haa deemnuu.