Boqonnaa 13

1 amma yeroon sun ayyaana faasigaatiin dura ture Iyyasuus addunyaa kana keessaa gara Abbaa deemuuf akka sa'aatiin isaa ga'e ni beeke; Innis warra kan isaa ta'an kanneen addunyaa keessa turan ni jaalate, hanga dhumaattis isaan jaalate. 2 Iyyasuusii fi hordoftootni isaa yeroo irbaatni dhiyaatu Daabiiloos akka inni Iyyasuus dabarse kennuuf yaada Yihuudaa Asqorootuu ilmi simi'oon keessa kaka'uumsa kaa'ee ture. 4 3Iyyasuus akka Abbaan waan hunda harka isaatti dabarsee kenne, akka Waaqayyoo biraa dhufeefi akka gara Waaqayyootti deebi'us beeka ture. 3 Irbaata irraa ka'ee uffata isa irratti uffatamu ofirraa fuudhe lafa kaa'e. Akkasuma fooxaa mundhiitti hidhata. 5 Eegasii bishaan gabateetti naqatee miila hordftoota isaa dhiquufi fooxaa mundhiitti hidhate sanaa haxaa'uh jalqabe. 6 Innis gara Simi'oon Pheexiroositti dhufe: Pheexiroosiis 'yaa Gooftaa situu miila koo na dhiqaa' jedheen. 7 Iyyasuusis deebiseef, akkanas jedheen 'waan ani hojjachaa jiru ati ama hin hubattu, booda garuu ni hubata.' 8 akkana jedheen 'hin ta'u ati gonkumaa mila koo hin dhiqxuu.' Iyyasuusis deebise 'yoodhan ani si dhiqe malee ati na biratti qooda hin qabdu' jedheen. 9 Pheexiroosis deebisee 'yaa Gooftaa yoos harka koofi mataa koos malee miila koo qofa hin ta'iin' jedheen. 10 Iyyasuusis 'namni nafa isaa dhiqate tokko miila isaa qofa dhiqachuu qaba nafti isaa guutuun qulqulluudha.' jedheen. 11 eenyu dabarsee akka isa kennu waan beekuuf, sababa kanaaf 'isin hundi keessan qulqulluu miti jedheen.' 12 Iyyasuus akkuma miila isaanii dhiqeen booda uffata isaa ufatee bakka isaatti deebi'ee taa'e, akkanas jedheen 'Waan ani isniif godhe hubbatu?' jedheen. 13 Isin Barsiisaa fi Gooftaa jettanii na waamtu sirriidhuma jettan, ani isum isin naan jettan sanaadha. 14 Egaa ergan ani Gooftaa fi Barsiisaa ta'e miila keessan dhiqee, isinis akkasuma miila waliin dhiquu qabdu. 15 Akkuman ani isiniif godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isiniif kenneera. 16 Dhugaan, dhugaa isinitti hima tajaajilaan gooftaa isaa hin caaluu, ergamaanis kan isa erge hin caalu. 17 Egaa yoo waan kana beektan, yoo raawwatanis isin eebiifamoodha. 18 waa'ee hunda keessanii dubbachuuf miti, ani warran isaan filadhe beeka, kun garuu akka kitaaba keessatti 'Inni biddeena koo nyaate inni koomee isaa ol-natti fudhata' jedhamee berreefamee sun akka raawwatamuuf. 19 Isin yammuu inni raawwatamutti akka 'Inni Ana ta'e akka amantaniif otoo inni hin raawwatamiin amma isinittin hima. 20 Dhugaa, dhugaa isiniin jedha, kan naman ani erge siimatu eenyumtuu na simata, kan simatu enyumtuus isa na erges ni simata.' 21 erga kana dubbatee booda hafuuraan dhiphate, Ani dhugaa, dhugaa isiniin jedha isin keessaa tokko dabarseet na kenna' jedhe. 22 Hordoftootni akka inni waa'ee eenyuu akka dubbate, waan hin beekneef wal-ilaalan. 23 Hordoftoota isaa keessaa, inni Iyyyasuus jaalatu tokko minjaalicha irra bokko (cinaa) Iyyasuus ta'ee ture. 24 Simi'oon pheexiroosis isaan 'mee eenyuu jechuu isaa akka ta'e gaafadhu' gaafadhu jedheen nyaaraan itti hime. 25 Kanaafuu innis Iyyasuusitti hirkachuun 'yaa Gooftaa eenyu inni' jedheen. 26 Iyyasuusis deebisee 'innin ani bideena kutee waciitiin cuuphee afaan kaa'u inni isaa dha' jedheen. Haaluma kanaan inni biddeena kutee waciitiin cuuphee ilma Simi'oon Asqorotuu Yihuudaatiif kenne 27 Erga biddena fudhatee booda Seexanni isa keessa galee. Iyyasuusis 'waan gochuuf jortu dafii godhi' isaan jedhe. 28 Warra mijaalarra nyaatatti dhiyaatan sana keessaa namni tokkollee waan Iyyasuus maliif akka waan kana isaan jedhu hin beekne. 29 Sababa Yihuudaan qabdu qarshii (maallaqaa) ta'eef waan Iyyasuus 'ayyanichaaf waan nu barbaachisu biti' jedheen yookiin akka inni hiyyeeyyiif waa kennuuf' waan isatti hime isaanitti fakkaate. 30 Yihuudaan akkuma biddeena sana fudhatee booda gad-ba'e, yeroon sunis halkan ture. 31 Erga Yihuudaan ba'ee booda, Iyyasuus akkana jedhe 'Amma Ilmi Namaa Ulfaateera, Waaqayyoo sisa irratti ulfaateera.' 32 Waaqayyoo isa irrati yoo ulfaata inni ofuma isaatiin isa ulfeessa, ennasumasbisa ulfeessa. 33 Yaa daa'imman, ani yeroo gabaabaaf isin waliiniin ta'a, isin na barbaadu, ani akkuma Yihuudotaan jedhe bakka ani dhaqu isun dhufuu hin dandeessan jedheen sana amma immoo isiniin jedha. 34 Akka wal jaalattaniif ani, ajaja haaraan isiniif kenna, akkuman ani isin jaaladheetti isinis akkasumatti wal-jaaladhaa. 35 Yoo isin wal-jaalattan namoonni hunduu akka isin hordoftoota koo taatan ni beeku. 36 Simi'oon Pheexiroosis 'yaa Gooftaa ati eessa deemtaa?' jedhee isa gaafate. Iyyasuusis 'Bakka ani amma deemuuf jedhuu ati ana waliin dhufuu hin dandeessu, booddee garuu na hordofta' jedheen. 37 Pheexiroosis 'yaa Gooftaa ani amma maaliifin si hordofuu hin dandeenye? Ani lubbuu koollee dabarseen si kenna' jedheen. 38 Iyyasuus 'Lubbu kee dabarsitee naaf kennitaa? Dhugaa, dhugaa sitti hima otoo kormaan hndaaqoo (lukkuu) hin iyyiin ati yeroo sadii na ganta' jedheen.