Boqonna 1

1 Jalqabatti Sagalee ture. Sagalichis Waaqayyo waliin ture. Sagalichis Waaqayyo ture. 2 Innis jalqabumatti Waaqayyo waliin ture. 3 Waanti hundumtu Isaan uumame ; waanti ta`e hundu Isaan male tokkolle kan uumame hin jiru. 4 Isa keessa ture; jireenyi kunis ifa namootaa ture. 5 Iftichis dukkana ibsa, dukkanichis isa hin injifatu. 6 Waaqayyo biraa kan ergame Yohaannis nama jedhamutu ture. 7 Innis akka namoonni hundinu amananif dhugaa bahuf dhufe. 8 Yohaannis waa`ee Ifaa dhugaa bahuf malee inni ofii isaatiin ifa hin ture 9 Ifichi inni dhugaa nama hundaaf ifusun gara biyya lafaa dhufa ture. 10 Innis biyya lafaa keesa ture biyyi lafaas isaan uumame, biyyi lafaa garuu isa hin beekne. 11 Innis gara isaaf ta`anii dhufe, sabni isaas garu isa hin simanne. 12 Warra isa simatanifi maqaa isaattin amananiif hundaa garu Ilmaan Waaqayyoo akka ta'aniif aangoo kenneef. 13 Isaan kunis Waaqayyo Waaqayyoorraa male, dhiigarraa yookiin fedhii fooniirra akkasumas feedhii dhiiraarra hin dhalanne. 14 foon ta'ee ayyaanaafi dhugaadhaan guutamee jidduu keenya jiraate. Nutis ulfina isaa, ulfina ilmi tokkichi Abbaa isaa biratti qabu argine. 15 waa'ee isaa sagalee isaa olkaasee iyyuun dhugaa ba'ee, akkannas jedhe, 'Inni kun, isan ani waa'ee isaa 'Inni na duuba dhufu, na caala, na duras ture; 16 Guutumma isaa irraa hundi keenya ayyaanarratti ayyaan fudhanneerra. 17 karaa Museetiin keenname ture, ayyaaniifi dhugaan garuugaruuu kara Iyyasuus Kiristoosiin dhufe. 18 gonkumaa Waaqayyo kan arge hin jiru, garu ilmi isaa inni tokkichi Abbaa isaa bira jirutuu akka beekamu godhe. 19 Yihudoonni yammuu lubootaafi Leewata Iyyarusaaleemiraa gara Yohaannis 'ati eenyu?'jedhanii akka gaafatannif eergan. 20 Innis dhugaa ba'ee, utuu hin haalin 'Ani kiristoos miti. ' jedhe. 21 Isaanis 'yoos ati eenyuudha?' Eliyaasiidhaayyii? jedhanii gaafatan. Innis 'miti' jedhe. 22 Isaanis 'yoos ati raajichaadhaa? jedhaniin. Innis 'miti' jedhe. Isaanis 'ega ati eenyudha? akka warra nu erganiif deebii akka kenninuuf ati waa'ee kee maal jetta? jedhaniin. 23 ''akkuma raajichi Isaayyas dubbatetti ani sagalee nama lafa onaatti 'Goftaaf karaa sirreessaa jedhee iyyuudha.'" jedheen. 24 Fariisoota ergaman keessaa tokko tokko. 25 Akkana jechuun isa gaafatan 'ati erga Kiristoos yookaan Eliiyaas akkasumas raajicha hin taanee maliif cuuphxaree?' 26 akkana jedheet isaaniif deebise 'ani bishaaniinin cuupha, namni isin hin beekne garuu jidduu keessan dhaabate jira. 27 isa na duubaan dhufuu dha, kophee isaa hiikuufuu ga'uumsa hin qabu.' 28 Kun hundu kan ta'aa jiru Bitaaniyaa gama Yoordaanos bakka yohaanis itti cuupha jiru keessatti dha. 29 Guyyaa itti aanutti yohaanis otoo Iyyasuus gara isaatti dhufu argeeti akkana jedhee 'Ilaa hoolaa Waaqayyoo kan cubbuu biyya lafaa irraa dhabamsiisu. 30 isan ani na duubaan dhufa nadura jira ture, na caalas jedheedha. 31 Anumtuu ofii kootii isa hin beekneen ture garu kaniin bishaaniin cuphaa dhufeef akka inni saba Israa'eelitti muldhatuufiidha. 32 Yohaannis akkana jedhe dhugaa ba'e 'Ani Afuurii samidha otoo akka gugeetti (bullaallaatti) irratti gadi bu'ee isarra qubatun arge. 33 Inni akkan ani bishaaniis cuuphuuf kan na erge, otoo hafuurri gadbu'ee isarra qubatu argte sun, inni isa Hafuura Qulqulluun cuuphuudha jedhee otoo natti himu baatee anuu isa hin beekun ture. 34 Anu argeera, akka inni Ilma waaqaayyoo ta'es dhugaa ba'eera. 'Ani sagalee (dubbii) lafa onaa keessatti iyyuudha: 'Gooftaaf karaa nama sirressuudha.' 35 itti aanuus, Yahaaniis hordoftoota isaa kessaa lamaan isaanii waliin dabalee otoo achuma dhaabatee ture. 36 Isaanis otoo Iyyasuus achiraan darbaa jiru argan. Yohaannisis "ilaa hoolaa Waaqayyoo" jedhe. 37 isaa lamaanu waan inni dubbate kana dhaga'uun Iyyasuusiin hordofan. 38 gargaleet yammu Isa hordofan ilaaluun "maal barbaaduu?" jedhee gaafate. Isaanis 'Rabbii (Barsiisa jedhamuun hiikama) eesa jiraataa?' jedhaaniin. 39 Innis 'kootaa ilaalaa' jedheen. Akkasuma isaanis dhaqanii bakka inni jiraatu argan, guyyaa sanas isa waliin oolan, yeroon suniin gara sa'aatii kudhanii ture. 40 waan yohaannis dubbate dhaga'uun Iyyasuus hordofan lamaan saanii kessa tokko Indiriyaas obbolessa Simi'oon Pheexiroos ture. 41 Innis duraan dursee obboleesa isaa Simi'oon barbaadeen argun 'nut Masiihii (Kiristoos jedhamuun hikama) argine' jedheen. 42 Innis isaa gara Iyyasuusitti fide. Iyyasuusis isa ilaaluun 'ati Simi'oon ilma Yohaannis. Ati Kefaa (PheexiroosPheexiroos jedhamuun hikama) jedhamuun waamamta. 43 Guyyaa itti aanutti Iyyasuus gara Galiilaa dhaquu barbaadeet, Filiiphoos argee, 'na hordofi' jedheen. 44 Filiiphoos akkuma Indiriyaasiifi Pheexiroos nama magaalaa Beetasayidaa ture. 45 Filiiphoos Naatinaa'eel argee 'Isa Museen kitaaba seeraa keessatti waa'ee isaa barreesse, raajonnis immoo waa'ee isaa kan barressan, Ilma Yooseef. Iyyasuus nama Naazreet argineerra' jedheen. 46 'Naazreetii waantii gaariin bahuu danda'aa? ' jedheen; Filiiphoosiis 'kootuu ilaali' jedheen. 47 Naatnaa'eel gara isaa otoo dhufu argee 'Ilaa nama Israa'eel isa dhugaa, kan soba hin qabne' jedhee dubbate. 48 Naatnaa'eelis 'akkamitti na beekta? jechuun gaafate. Iyyassuus akkas jedheet deebise 'otoo Filiiphoossi hin waaminiin dura yammu ati muka harbuu jala jirtuun si arge' jedheen. 49 Naatnaa'eelis 'yaa Rabbi (Barsiisaa) ati Ilma Waaqayyooti ati Mootii Israa'eeliiti' jedheen. 50 Iyyasuusis akkana jechuun deebiseef 'ati sababiin ani muka harbuu jala osoo jirtuun si arge jedheef amante, mitii? waantoo kana caalan argita. 51 tti aansuunis akkana jedhe 'ani dhugaa, dhugaan isiniini jedha, samiin banamee Malaakonni Waaqayyoo ilma nama irra ba'aniifi bu'an ni argitu jedheen.